Ministeerichi gatii boba’aa qinxaaboo irratti fooyyessii taasise
Finfinnee, Bitootessa 24, 2018 (FMC)- Ministeerri Daldalaafi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa gatii boba’aa irratti fooyyessii taasiseera.
Ministeerichi waraana Giddugaleessa Bahaatti mudate hordofee gatiin boba’aa addunyaa sadarkaa olaanaan waan dabaleef gatii boba’aa irratti fooyyessiin taasifamuu ibsa baaseen hubachiiseera.
Ulaan Hoormuuz cufamuu isaan boba’aa biyyoonni akka Sa’ud Arabiyaa, Kuweet, Eemireetonni Araba Gamtoomaniifi Iraaq guyyaatti dhiyeessan barmeelli miiliyoona 100 fi miiliyoona 40 addaan cituu ibseera.
Sababa Kanaan dooniiwwan Itiyoophiyaa sadii boba’aa naafxaa adii meetirik tooniin kumni 100 fi kumni 20 fi boba’aa xiyyaaraa meetirik toonii kuma 60 fe’an biyyoota galoo galaanaa dhaabbatanii akka jiran eereera.
Mootummaan dhiyeessiin idilee akka addaan hin cinneef tattaaffii gochaa jira jedhe.
Haa ta’u malee dhiibbaan deeggarsaa mootummaarra jiru Birrii biiliyoona 200 fi biiliyoona 72 ol qaqqabuu kaaseera.
Taariifa torban darbeen naafxaa adiin Birrii 139.84 yoo gurguramu mootummaan Birrii 95 deeggaraa akka ture, beenzilli Birrii 132.18 wayita gurguramu mootummaan Birrii 42 deeggaraa akka ture ibseera.
Haala yeroo ammaa jiruun deeggarsichi haala Kanaan itti fufsiisuun rakkisaa waan ta’eef fooyyessiin gatii haaraan godhamuu hubachiiseera.
Haaluma Kanaan gatii haaraan gurgurtaa qinxaaboo beenzilaa Birrii 142.21, Keeroosiiniin Birrii 151.39, naafxaa adiin Birrii 163.09, naafxaa adii salphaan Birrii 163.98, naafxaa cimaa gurraachi Birrii 160.68, akkasumas boba’aan xiyyaaraa Birrii 150.48 ta’uu hubachiiseera.
Fayyadamtoota kallattiif gatiin gurgurtaa naafxaa adii ammoo Birrii 210 ta’uu ifoomseera.
Mootummaan yeroo ammaa naafxaa adii liitira tokko irratti deeggarsa Birrii 71 akkasumas beenzila irratti Birrii 32 deeggaraa akka jiru ibseera.
Deeggarsi kun osoo hin jiru ta’ee gatiin naafxaa Birrii 234.17 akkasumas kan beenzilaa Birrii 174.40 akka gahu hubachiise.
Akka waliigalaatti rakkoon dhiyeessii beenzilaa kan hin jirre ta’uu fi naafxaa adii dabalatee gosoota boba’aa biroo irratti rakkoon hanqina dhiyeessiifi daballiin gatii hanga sirratutti mootummaan raabsaa isaa kan hordofuufi garee qorannoo hundeessuu ibseera.
Tartiiba dhiyeessiifi raabsaa garichi qopheessuun boba’aa dhiyaatu qusannoofi sirna bittaafi gurgurtaa dhiyaate qofaan akka raawwatamuuf deeggarsa gochuun barbaachisaa ta’uu hubachiiseera.
Bu’uura tartiiba Kanaan Bootteewwan boba’aa geejjibsiisan, konkolaattonni oomishaalee daldala alaafi alaa galchii, indaastiriiwwan shaqaxaalee bu’uuraafi oomishaalee al-ergii oomishan, pirojektoonni misoomaa ijoon mootummaafi dhuunfaa, qonni makaanaayizeeshinii, dhaabbileen nageenyaafi tasgabbii, konkolaattonni deddeebisa uummataa, tajaajiloonni fayyaa, hojiileen Taaworii Telekoomii, hojiileen filannoo, hojiileen bishaaniifi ibsaa, tajaajiloonni miidiyaafi namoomaa, akkasumas yuunivarsiitiiwwan lakkoofsa barattootaa olaanaa qaban dursa tajaajila kanneen argatan ta’uu Ministeerichi eereera.
Hawaasni tattaaffii yeroo rakkisaa kana darbuuf taasifamu akka deeggaruufi tumsu waamicha dhiyeesseera.
#Oromia #Ethiopia