Fana: At a Speed of Life!

Ministira Muummee Siingaapoor waliin marii bu’aa qabeessa gaggeessineerra- Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Sadaasa 15, 2018 (FMC)- Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Ministira Muummee Siingaapoor waliin marii bu’a qabeessa gaggeessineerra jedhan.

Marii isaaniin, biyyoonni lameen misooma ogummaa fi tumsa liiqii Kaarboonii irratti sanada waliigaltee mallatteessaniiru.

Dooktar Abiy Ministirri Muummee Siingaapoorii fi jilli isaanii Itiyoophiyaa daawwachuutti gammaduu ibsuun, ergaa baga nagaan dhuftaniis dabarsaniiru.

Guddina waaraa Siingaapooritti galmaa’aa jiru dinqisifachuun, Itiyoophiyaanis kana waan hordoftuuf wajjiin hojjechuun keenya gaariidha jedhan.

Waliigalteen mallatteeffamees hariiroo Itiyoophiyaa fi Siingaapoor caalmaatti kan cimsuu ta’uu Dooktar Abiy dubbataniiru.

Mariin taasifame bu’a qabeessa ta’uu himuun, hariiroon biyyoota lamaanii fuulduratti cimee akka itti fufuu eeraniiru.

Soosinnaa Alamaayyootiin.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.