Fana: At a Speed of Life!

Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad gita isaanii Chaayinaa waliin mari’atan

Finfinnee, Waxabajjii 29, 2017(FMC) – Ministirri Muummeen FDRI Dooktar Abiy Ahimad gita isaanii Chaayinaa Dooktar Lii Kiyaangi waliin dhimmoota gamlamee irratti mari’atan.

Ministirri Muummeen Dooktar Abiy Ahimad fuula miidiyaa hawaasummaa isaanii irratti ergaa maxxansaniin, Ministira Muummee Chaayinaa Dooktar Lii Kiyaangi waliin hariiroo Itiyoophiyaa fi Chaayinaa waggoota 55 lakkoofsise irratti mar’achuu ibsaniiru.

Itiyoophiyaa fi Chaayinaan biyyoota michuu hariiroon isaanii haalaan hinjijjiiramne waggoota torban darabanitti hariiroon isaanii gara sadarkaa olaanaatti guddachuu kaasaniiru.

Biyyoonni lamaaan dameewwan ijoo dinagdee industirii, albuudaa fi TQO of keessatti qabataniin tumsaan hojjechaa jiraachuu eeraniiru.

Dabalataan dameewwan tumsa isanii cimsuu fi misooma hubannoo namtolchee, Loojistiksii fi maddoota annisaa qulqulluun tumsaan hojjechaa akka jiran dubbataniiru

Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.