Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad kibxata dhufu Mana Marichaatti argamuun ibsa kennu
Finfinnee, Amajjii 23, 2018 (FMC) – Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad kibxata dhufu Amajjii 26, 2018 Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataatti argamuun ibsa ni kennu.
Walga’ii Idilee 10ffaan bara hojii 5ffaan Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa Amajjii 26, 2018 gaggeeffama.
Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad Mana Marichaatti argamuun gabaasa raawwii baatiiwwan jahan darbanii ni dhiyeessu.
Dabalataanis gaaffiiwwan miseensota mana marichaarraa ka’aniif deebiifi ibsa akka kennan ragaan Mana Marichaarraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.