Fana: At a Speed of Life!

Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad misooma koriidarii Gaaraajii Anbaassaa – Jaakiroos – Addabaabaayii Gooroo daawwatan

Finfinnee, Waxabajjii 1, 2017 (FMC) – Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad kantiibaa magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee wajjiin ta’uun misooma koriidarii Gaaraajii Anbassaa – Jaakiroos – Addabaabaayii Gooroo ijaarsi isaa xumurame daawwataniiru.

Hojiin misooma koriidarii kun daandii miilaa kiilomeetira 8, daandii biskileetaa kiilomeetira 4, mana boolii hawaasaa , dukkaanota sadarkaa eeggatan, ijaarsa bakka tajaajila uummataa ammayyaa of keessatti qabateera.

Jijjiiramni kun yaa’iinsa guddaadhaan bakka dhiphataa turetti fooyya’iinsa yaa’iinsaa barbaadamaa ture fi sadarkaa jireenyaa haala olaanaan kan guddise ta’uu waajjirri Ministira Muummee fuula miidiyaa Hawaasaa isaa irratti gabaaseera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.