Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad pirezidaantii Moozaambiik Daani’eel Chaappoo waliin mari’atan
Finfinnee Guraandhala 7, 2018 (FMC) – Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad pirezidaantii Moozaambiik Daani’eel Chaappoo waliin mari’ataniiru.
Dooktar Abiy Ahimad fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin ergaa dabarsaniin, yaa’ii Hoggantootaa Gamtaa Afrikaa 39ffaa cinatti pirezidaanticha waliin maree gamlamee geggeessaniiru.
Mareen isaaniis misooma magaalotaa fi qonna, nagaa fi tasgabbii dabalatee dameewwan dursa argachuu qaban irratti carraawwan tumsaa cimsuu irratti akka xiyyeeffate ibsaniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.