Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad qe’ee moodela qindaa’aa Tulluu Araaraa eebbisan
Finfinnee, Mudde 29, 2018 (FMC) – Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad Giifti duree Zinnaash Taayyaachoo fi hoggantoota olaanoo mootummaa waliin ta’uun hojii tola ooltummaa gannaa sadarkaa olaanaatti kan ceesise Qe’ee Moodela Qindaa’aa Tulluu Araaraa eebbisaniiru.
Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad fuula miidiyaa hawaasummaa isaanii irratti ergaa dabarsaniin, qe’een moodelli kun lafa kaaremeetira kuma 7 irratti ijaarame.
Tokkoo tokkoon manneen qe’ichaa kutaalee hirribaa lama dabalatee kutaalee shan kan qabanii fi sadarkaa isaanii kan eeggatanii dha.
Qe’een kun sadarkaa maatiitti namoota 150f akka miijatuuf qulqulluu ta’ee kan qophaa’e yoo ta’u, dhiyeessiin bu’uuraalee misoomaa isaas daandii keessoo, humna elektirikii fi soolaarii, bakka sochii qaamaa fi hojiiwwan misooma magariisaa of keessaa akka qabu ibsaniiru.
Hojimaata qindaawaa walitti hidhamiinsa oomishaa fi gabaa sadarkaa jireenyaa jiraattotaa fooyyessuu kaayyeffate akka of keessaa qabus eeraniiru.
Hojiin misoomaa kun horii aannanii, horsiisa lukkuu fi misooma kuduraa walitti kan qabate yoo ta’u, hanga gabaatti cancalli daldalaa qindaa’aan akka uumameefis ibsaniiru.
#Oromia #Ethiopia