Fana: At a Speed of Life!

Ministirri Muummee Giriinaadaa Finfinnee galan

Finfinnee, Qaammee 1, 2017(FMC)- Ministirri Muummee Giriinaadaa Diikoon Miicheel Yaa’ii Hawaasa Afrikaa-Kaariibiyaan 2ffaa irratti hirmaachuuf Finfinnee galaniiru.

Ministirri Muummee Diikoon Miicheel wayita Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa Boolee gahan Ministira Ministeera Maallaqaa obbo Ahimad Shideen simatamaniiru.

Yaa’iin Hawaasa Afrikaa- Kaariibiyaan 2ffaan mata duree “ Afrikaanotaafi Hidda Afrikaanotaaf Haqa Barbaaduuf Tumsa Ardiirra Cehu” jedhuun Finfinneetti gaggeeffama.

Yaa’ichi biyyoonni Afrikaafi Kaariibiyaanii tumsa Kibba- Kibbaan hariiroo isaanii guddisuuf akkasumas hariiroo Afrikaan biyyoota Kaariibiyaanii waliin qabdu gara dippiloomaasiifi tumsa diinagdee cimaatti guddisuuf ni dandeessisa jedhameetu eegama.

Yaa’ichi sirna faayinaansii addunyaa, tuurizimiifi hubannoo nam-tolchee irratti mari’ata.

Ashannaafii Shibbiruutu Gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.