Ministirri Muummee Itti aanaan Obbo Tamasgeen Xurunaa ergaa baga ittiin isin gahee dabarsan
Finfinnee, Qaammee 5, 2017(FMC) – Ministirri Muummee Itti aanaan Obbo Tamasgeen Xurunaa bara haaraa 2018 sababeeffachuun ergaa baga ittiin isin gahee dabarsaniiru.
Obbo Tamasgeen Xurunaa ergaa isaaniin barri darbe xumuramuu Hidha Haaromsaa labsuun fi hojiileen dameewwan hundaan karoorfaman raawwii gaariin xumuramuu ibsaniiru.
Hanga nuuf malu ta’uu baatus hanga dandeenyu hojjenneerra, wantoonni hafan jiraataniyyuu milkaa’inoota gurguddoo galmeessisneerra jedhaniiru.
Har’arra bortu caala, qabeenyi hin tuqamne hedduutu jira, nutis kaleessarraa kan baranne muuxannoo hedduu qabna, karoorawwan gurguddoo kan kaleessaa caalan fuuldura keenya jiru, karoorawwan kunneen hojiirra wayita oolan Itiyoophiyaa kaleessaa Itiyoophiyaa ishee egereerraa adda kan taasisanidha jechuun ibsaniiru.
Bayyanachuu Itiyoophiyaa bu’uura qabsiisuun badhaadhina ishee kan mirkaneessan ta’uus eeraniiru.
Itiyoophiyaa kan jaallannu hundi bara bayyanachuu Itiyoophiyaaf waloon haa carraaqnu, bu’aa qabeeyyii haa taanu, seenaa haa hojjennu jechuunis dhaamaniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.