Ministirri Muummee Itti aanaan obbo Tamasgeen Xurunaan jila Azerbaajaan waliin mari’atan
Finfinnee, Waxabajjii 13, 2017(FMC)- Ministirri Muummee Itti aanaan Obbo Tamasgeen Xurunaan Dura Taa’aa Dhaabbata Paabilik Sarvisiifi Kalaqa Hawaasummaa Oolivii Meediiyeev fi Ambaasaaddara Azerbaajaan Ruusilaan Naasiiboov waliin dhimmoota waloorratti mari’atan.
Marichaan biyyoonni lameen riifoormii siivil sarvisiifi dameewwan garaagaraarratti waloon hojjechaa akka jiran ibsameera.
Mariin boodas hoggantoonni olaanoon Azerbaajaan Tajaajila Giddugala Tokkoo Masoob daawwataniiru.
Hojii Itiyoophiyaan tajaajila kana eegalchiisuun tajaajila siivil sarvisii ammayyeessuu fi si’eessuuf hojjechaa jirtu kan dinqisiifatamudha jedhan.
Dabalataanis hooggantoonni biyyattii Godaambaa Masaraa Mootummaa Biyyaalessaa daawwataniiru.
Wantoonni godaambaa kanatti daawwatanis dinqisiisoo ta’uuibsaniiru.
Layikuun Alamtu Gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.