Fana: At a Speed of Life!

Ministirri Muummee Itti Aanaan Tamasgeen Xirunaan Yaa’ii Biraaziil – Afrikaarratti hirmaachaa jiru

Finfinnee, Caamsaa 12, 2017 (FMC) – Jilli Itiyoophiyaa Ministira Muummee Itti Aanaa FDRI Tamasgeen Xirunaan durfamu Yaa’ii Biraaziil – Afrikaa 2ffaarratti hirmaachaa jira.

Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa fi kan naannoo Amaaraa obbo Araggaa Kabbadaanis yaa’icharratti hirmaachaa jiru.

Yaa’ichi wabii nyaataa mirkaneessuu, beela ittisuu fi misooma baadiyyaarratti kan xiyyeeffateedha jedhame.

Yaa’iin har’a Biraazilitti eegalame kun hariiroo dameewwan qonnaa, wabii nyaataa, daldalaa fi misooma waaraa mirkaneessuu Biraaziil Afrikaa waliin qabdu caalmaatti cimsuuf kan qophaa’e ta’uun ibsameera.

Fireehiyiwaat Saffiitu gabaase.

Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.