Ministirri Muummee Kaameeruun waliigaltee Itiyoo-Telekoomii fi ‘CAMTEL’ gidduutti taasifame dinqisiifatan
Finfinnee, Sadaasa 27, 2018 (FMC) – Ministirri Muummee Kaameeruun Jooseef Diiyoon Niguuteen waliigaltee Itiyoo-Telekoomii fi ‘CAMTEL’ gidduutti taasifame dinqisiifataniiru.
Itiyoo-Telekoom ce’umsa dijiitaalaa Kaameeruun saffisiisuuf kan dandeessisu CAMTEL waliin waliigaltee kontiraataa Maastar Sarvis jedhamu Kaameeruun magaalaa Yaahundeetti mallatteesseera.
Hojii Raawwachiiftuu Olaantuun Itiyoo Teeleekoom Fireeyiwoot Taammiruun Ministirri Muummee Kaameeruun Jooseef Diiyoon Niguutee fi hojii gaggeessaa olaanaa CAMTEL Juudiit Yaahii waliin mari’ataniiru.
Guddina diinagdee Diijitaalaa akkaataa waareessuun danda’amurratti mari’ataniiru.
Galmoonni Diijitaalaayizeeshinii akka milkaa’uuf Teeleekoomiwwan Afrikaa tumsaan hojjechuun murteessaa ta’uu kaasan.
Itiyoophiyaa fi Kaameeruun ce’umsa damee diijitaalaa dhugoomsuuf tumsa isaanii cimsuuf murannoo qaban ibsaniiru.
Ministirri Muummee Kaameeruun Jooseef Diiyoon Niguutee waliigaltee Itiyoo-Telekoomii fi ‘CAMTEL’ gidduutti taasifame kan dinqisiifatamu ta’uu ibsan.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.