Fana: At a Speed of Life!

Ministirri Muummeen Dooktar Abiy Ahimad Pirezidaantii Laaybeeriyaa simatan

Finfinnee, Ebila 5, 2018 (FMC) – Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad pirezidaantii Laaybeeriyaa Joseef Niyuumaa Bo’aakaayii simataniiru.

Pirezidaantiin Laaybeeriyaa Joseef Niyuumaa Bo’aakaay har’a Finfinnee galaniiru.

Ministirri Muummeen Dooktar Abiy Ahimad ergaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, Pirezidaantiin Laaybeeriyaa Joseef Niyuumaa Bo’aakaay gara biyya abdii boruun ijaaramaa jirtuufi qarooma durii Itoophiyaatti baga nagaandhufan jedhaniiru.

Turtii isaaniin marii baay’ee bu’a qabeessa akka mari’atanis amantaa isaanii ta’uu ibsaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.