Fana: At a Speed of Life!

Miseensi humna Qilleensaa Ameerikaa Jeettii Iraan kuffiste keessa ture argame – Pireezidaanti Tiraampi

Finfinnee, Bitootessa 27, 2018 (FMC) – Miseensi humna Qilleensaa Ameerikaa Jeettii Waraanaa Ameerikaa Iraan Jimaata darbe kuffiste keessa ture oppireeshiinii gootummaan argame jedhan Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraampi.

Miseensi Humna Qilleensaa Jeettii Waraanaa Ameerikaa Iraanitti kufee achi buuteen dhabame kabajamoo Koloneerichi argameere jedhan Pireezidaanti Tiraampi.

Gaarreen rakkisoo Iraan keessati diinootaan adamfamaa kan ture gootichi baraarameera jechuun ibsan.

Iraan fi Ameerikaan miseensa gurmuu hojjetoota jeettii Ameerikaa Iraan keessatti kufe keessaa achi buuteen dhabame argachuuf kara karaa isaniin fiigicha taasisaa turan.

Aanga’oonni Iraan ammoo lammileen biyyattii hojjeta jeettii Ameerikaa dhabame kana ‘lubbuun’ argeef maallaqa guddaa akka kennituyyu waadaa galtee turte.

Miidiyaaleen Iraan ammoo xiyyaaronni Ameerikaa lama hojjetaa achi buuteen dhabamee baraaruuf bobbaafaman lama horsiise bultoota Iraaniin itti dhukaafamanii rukkutamuu ibsaa turan.

Humnoonni US miseensa gurmuu hojjetoota jeettii waraanaa F-15 kibba Iraan keessatti Jimaata darbe kufte baraaruu BBC’n miidiyaalee Ameerikaa wabeeffachuun gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.