Miseensonni IS ergama Shororkeessummaaf qophaa’an 82 to’ataman
Finfinnee, Adoolessa 8, 2017 (FMC) – Miseensonni IS ergama Shororkeessummaaf qophaa’an 82 to’ataman jedhe Tajaajilli Odeeffannoo fi nageenya biyyaalessaa.
IS Puuntilaandi keessa socho’u Koochoon Somaaliyaa biyyoota garaagaraa, akkasuma Itiyoophiyaatti bu’uura isaa babal’isuuf tattaaffii taasisaa ture hordofaa turuu Tajaajilichi ibsa Faanaa Miidiyaa Koorporeeshiniif ergeen himeera.
Keessattuu caasaa isaa Itiyoophiyaatti diriirsuuf yaaliin taasisu ilaalchisee itti dhiyeenyaan hordoffiin taasifamaa akka ture hime.
Hordoffii godhamaa tureen miseensota garichaa Puuntilaanditti leenji’uun kutaalee Itiyoophiyaa garaagaraatti bobba’anii turan 82 Poolisiin Federaalaa qaamolee nageenyaa naannolee waliin ta’uun to’annoo jala oolcheera.
Shakkamtoonni kunneen Magaalaa Finfinnee, Naannoo Oromiyaa bulchiinsa magaalaa Shaggar, Adaamaa, Haramayaa, Shaashamannee, Baalee,Jimmaa fi Shaakisoo,naannoo Amaaraa naannawaa kamisee, Giddugala Itiyoophiyaa Godina Silxee fi Halaabaa, naannoo Somaalee magaalaa Jigjigaa fi Harariitti to’atamuu ibse.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.