Misooma Bunaaf xiyyeeffannoo addaa kennamee hojii hojjetameen jijjiiramni argame – Obbo Addisuu Araggaa
Finfinnee, Qaammee 1, 2017 (FMC) –Jijjiiramaan booda Misooma Bunaaf xiyyeeffannoo addaa kennamee hojii hojjetameen jijjiiramni argame jedhan Ministirri Ministeera Qonnaa Obbo Addisuu Araggaan.
Obbo Addisuun Misooma Bunaa Qarcaanshee Giruuppiin godina Gujii Lixaa Aanaa Galaanaatti argamu daawwataniiru.
Bunni Itiyoophiyaa sadarkaa addunyaarratti dorgomaa akka ta’u dhaabbileen oomisha bunaarratti hirmaatan caalmaatti baayyachuu qabu jedhan.
Jijjiramaan booda hojii misooma bunarratti hojjetameen oomishinni Bunaa lafa hektaara tokkorraa kuntaalli 7 qofti argamaa ture amma kuntaala 9tti ol guddachuu eeran.
Abbootiin qabeenyaa hedduun misoona bunaarratti akka hirmaatan hojjetamaa jiraachuu kaasan.
Dhaabbanni Misooma Bunaa Qarcaanshee Buna lafa hektaara 750 irratti Buna Misoomsaa jiraachuu hojii gaggeessaa olaanaan dhaabbatichaa Dooktar Israa’eel Dagafaan ibsaniiru.
Kanaanis lammiilee hedduuf carraa hojii uumuu dubbatan.
Dhaabbatichi Teeknooloojii oomisha Bunaa babal’isaa akka jirus dubbataniiru.
Xilaahun Yilmaatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.