Fana: At a Speed of Life!

Misooma humna namaa fi ogummaa dagaagsuun tumsa Itiyoophiyaa waliin qabnu ni cimsina- Tumsitoota Misoomaa

Finfinnee, Sadaasa 4, 2018 (FMC)- Misooma humna namaa fi ogummaa dagaagsuun tumsa Itiyoophiyaa waliin qabnu ni cimsina jedhan tumsitoonni misoomaa.

Tarsimoon haaraan ogummaa fi teeknikaa dargaggoonni beekumsaa fi ogummaa fooyya’aa qabaachuun gabaa hojitti makamuuf isaan dandeessisu ifoomeera.

Tarsimoon kun waliingahiinsa ogummaa babbal’isuun dargaggoonni carraa hojii fooyya’aa akka argatan haala kan mijjeessu ta’uun eerameera.

Ministirri Ministeera Hojii fi Ogummaa Mufaariyaat Kaamil wayita kanatti haasawaa taasisaniin, tarsimoon haaraan kun haqa qabeessummaa fi dhaqqabummaa babal’isuun qulqullina leenjii eegsisuuf gahee olaanaa qaba jedhan.

Dhaabbileen Barnootaa leenjii fi teeknikaa fi ogummaa imala guddina Itiyoophiyaa kan saffiisisan ta’uun ibsaniiru.

Itiyoophiyaatti Qondaalli Sagantaa Misooma Humna Namaa Gamtaa Awuurooppaa Ivaa Juuniyaat gamasaaniin, Gamtichi Itiyoophiyaatti dursa kennee hojii hojjetu keessaa tokko misooma oguummaarratti akka ta’e dubbachuu isaanii TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.