Fana: At a Speed of Life!

Magaalaan Laboraatoorii Waloomaa Lammiileen Waliin keessa Jiraatanii dha – Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Bitootessa 19, 2018 (FBC) – Magaalaan laboraatoorii waloomaa lammiileen aadaa, afaan fi amantii garaa garaa qaban wal-danda’anii keessa jiraatanidha jedhan Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad.

Ministirri Muummee mata-duree “Magaalaa, Magaalummaa, Ijaarsa Magaalaa fi Misooma Kooridarii” jedhuun gaaffii fi deebii Tajaajila Televiziyoona Qaana waliin taasisaniin; mootummaa ‘Ida’amuu’ keessatti magaalonni akka bu’uura hawaasummaa ijootti fudhatamu jedhaniiru.

Jiraattota magaalaa bu’uura siyaasaa fi hawaasummaa gochuu mannaa, barmaatni duraan qoqqoodinsa uumaa ture sirrii akka hin taane kaasaniiru.

Magaalaan laboraatoorii obbolummaa lammiileen kutaalee Itiyoophiyaa adda addaa irraa dhufan, aadaa, afaan fi amantii garaa garaa qaban nagaan keessa jiraatanidha kan jedhan Ministirri Muummee; guddinni fi qaroominni biyya tokkoo magaalotaan akka safaramu ibsaniiru.

Magaalaa akka motora badhaadhinaatti fudhachuun akka barbaachisu kan eeran Dooktar Abiy, jijjiirama magaalaaf jiraattonni bu’uura waan ta’aniif sirnaan hirmaachisuun akka barbaachisu ibsaniiru.

Magaalonni bakka miidhaginaa, faayyeffama biyyaa, madda ammayyummaa fi ibsituu si’aayinaa akka ta’anis xiyyeeffannoo kennanii dubbataniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.