Fana: At a Speed of Life!

Misooma koriidarii keessatti Geejjibni Ismaartii, Tajaajillii fi misoomni qarqara lageenii bu’uuraalee ijoodha – Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Bitootessa 16, 2018 (FMC) – Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad misooma koriidarii keessatti Geejjibni Ismaartii, Tajaajillii fi misoomni qarqara lageenii bu’uuraalee ijoo ta’uu himan.

Dooktar Abiy Ahimad turtii Teeleeviizyinii Qaanaa waliin taasisaniin misooma koriidarii keessaatti bu’uuraalee misoomaa xiyyeeffannoo addaan hojjetaman ilaalchise yaada kennaniiru.

Geejjibni Ismaartii damee bu’uuraalee misoomaa Piroojektii misooma koriidarii keessatti xiyyeeffannoo addaan hojjetaman ta’uu eeran.

Kunneenis daandii lafoo, biskileettii, qaama miidhamtootaa, Paarkiingii, siistama Kaameeraa fi daandii konkolaataa kan of keessatti hammate ta’uu dubbatan.

Dhiyeessiin tajaajila si’aataas qaama misooma koriidarii keessaa ijoo ta’uu kaasan.

Dhiyeessiin tajaajila ibsaa, teelee, teeknooloojii, bishaanii, mana jireenyaa fi kanneen biroon wayita misoomni koriidarii hojjetamu kanneen xiyyeeffannoo olaanaan hojjetaman ta’uu eeran.

Hojiileen kunneen akka durii dhuunfaan osoo hin taane dhaabbileen hundi qindoominaan raawwatu jedhan.

Hawaasa fayya qabeessa horachuu keessatti misoomni qarqara lageenis ijoo ta’uu dubbatan.

Kana dura qarqarri lageenii bakka balfaa fi ijaarsa seeraan alaa turan, har’a bakka bashannanaa fi hawwatummaa olaanaa ta’uu danda’aniiru.

Kanaaf misooma koriidarii keessatti qarqara lageeniif xiyyeeffannoon addaa kennamee hojjetamaa jiraachuu himan.

Waliigala bu’uuraaleen misoomaa kunneen jireenya hawaasaa jijjiiruu keessatti kanneen gahee adda duree qaban ta’uu ibsan.

Siifan Magarsaatiin

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.