Fana: At a Speed of Life!

Misooma Koriidarii marsaa 2ffaan dargaggoota kuma 60 oliif carraan hojii uumame

Finfinnee, Waxabajjii 4, 2017 (FMC) -Misooma koriidarii marsaa 2ffaa magaalaa finfinneetti hojjetamaa jiruun dargaggoota kuma 60 oliif carraan hojii uumameera jedhe Waajjirri Hojii Gaggeessaa Mana Qopheessaa magaalichaa.

Hojii Gaggeessaan Waajjirichaa Injiinar Wandimmuu Seetaa akka ibsanitti, misooma koriidarii marsaa jalqabaan lammiilee kuma 52 oliif carraan hojii uumameera.

Marsaa 2ffaa immoo lammiilee kuma 60 oliif carraan hojii uumameera jedhan.

Bakkewwan osoo tajaajila hin kenniin turan misoomsuun bakka hawwata tuurizimii fi bashannanaa ta’uun galii akka argamsiisanis dubbataniiru.

Misoomni koridarii ijaaramaa jiran wayita xumuraman namoota hedduuf carraa hojii kan uuman ta’uu himaniiru.

Misoomni Koriidarii marsaa 2ffaa (Qarsaa) Kaazaanchiis-Isxifaanoos-Addabaabaayii Masqalaa-charchil-Daalaattii (Arat Kiiloo )fi hojii deebisanii misoomsuun Piroojektii Caakkaa-Maggananyaa –haayaa hulet—Addabaabaayii Masqalaa-Simsii-Saamiit-Gooroo-Buufataa Boolee VIP fi Koriidarii Giddugala Konveeshinii Idil Addunyaa Addisitti kan of keessaa qabuudha.

Dabalatanis Saarbeet( Calcallii)-Addabaabaayii Kaarlii-Bisraataa Gabreelii-Abboo Maazooriyaa-Addabaabaayii Laaftoo- Haannaa Furii-Anbaasaa Gaaraajii-Jaakroos-Koriidarii Gooroo-Daalattii (Arat Kiiloo)- Shiroomeedaa-Inxooxxoo Maariyaamii- Koriidarii giddugalaa biqiltuutti kan jiruudha jedhan.

Waligalatti misoomni koriidarii kiloomeetira 130 uwwisu ijaaramaa jiraachuun ibsameera.

Maqdas Kabbadaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.