Fana: At a Speed of Life!

Misooma naannawichaa guddisuuf walta’iinsaan hojjechuun barbaachiisadha- Obbo Ahimad Shidee

Finfinnee, Caamsaa 28, 2017 (FMC) –Piroojektiin misoomaa Baha Afrikaa Itiyoophiyaa fi Keeniyaa bu’uuraalee misoomaan wal qunnamsisu ifoomeera.

Ministirri Ministeera Maallaqaa Obbo Ahimad Shideen, biyyoonni naannawichaa tumsa daldalaa cimsuuf kan dandeesisan bu’uuraalee misoomaa ijaaruun walitti hidhamiinsa naannawichaa cimsuu akka qaban kaasaniiru.

Keessumaa hojimaata gumurukaa biyyoota naannawichaa fooyyessuun naannawa daangaa daldalaaf miijatu uumuun akka barbaachisus hubachiisaniiru.

Gama kanaan Itiyoophiyaan bu’uuraalee misoomaa naannoo daangaa biyyoota naannawichaa fayyadan ijaaruuf hojjetaa jirti jedhan.

Mootummaan Keeniyaa riqichaalee Suuftuu fi Raahimuu Itiyoophiyaa waliin walquunnamsiisan ijaaruuf waadaa galuu kan jajan Ministirichi, kunis mul’ata misoomaa biyyoota lamaanii kan ariifachiisuu dha jedhan.

Walitti hidhamiinsa misooma bu’uuraa daandiin alattis, hammattoo waloo biyyoota lamaanii jalatti damee tekinooloojiin waliin hojjechuu qkka qaban hubachiisaniiru.

Tattaaffii tumsa naannawichaa cimsuuf taasifamu keessatti Baankiin Addunyaa fi Dhaabbanni Misoomaa Moitummoota Baha Afrikaa(IGAD) maallaqaan deggeruu isaaniif galateeffataniiru.

Yeshaambal Mihiratiin.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.