Misooma qamadii jallisii boneerraa oomishni kuntaalli miiliyoonni 66 sassaabame-TKM
Finfinnee, Caamsaa 7, 2017(FMC) – Misooma qamadii jallisii boneerraa oomishni kuntaalli miiliyoonni 66 sassaabamuu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa beeksise.
Misooma qamadii jallisii boneen lafti heektaarri miiliyoona 3 fi kumni 400 sanyiin uwwifamuus ibsameera.
Ministir Deetaan Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Tasfaahuun Goobazaay hojiilee gurguddoo bara baajatichaatti hojjetaman ilalchisuun ibsa miidiyaaleef kennaniin, damee qonnaan oomishtummaa qamadii guddisuu, eegumsa naannoo, dhiyeessii galteefi maaddii guutuun akkasumas inisheetiiviiwwan biroon hojiilee hedduun hojjetamuu kaasaniiru.
Bara baajatichaa hanga Ebla 30, 2017’tti hojiin misooma sululaa heektaarri miiliyoonni 5 hojjetamuu eeruun, hojii kanarratti lammiileen miiliyoonni 21 fi kumni 400 hirmaachuu himaniiru.
Bara kana bittaa xaa’oof Doolaarri biiliyoonni 1.3 ramadamuu yaadachiisanii, hangi xaa’oo bara oomishaa 2017/18’f bitamu kan bara oomishaa bara darbeen yoo madaalamu kuntaala miiliyoona 4 fi kuma 600 caalmaa qabaachuu ibsaniiru.
Gatii xaa’oo bara oomishaa kanarratti mootummaan deeggarsa Birrii biiliyoona 84 taasisuu kaasanii, kunis kuntaala tokkorratti deeggarsa Birrii kuma 5 ol ta’uu himaniiru.
Hanga ammaatti xaa’oon kuntaalli miiliyoonni 10 fi kumni 700 buufata gahuu, kana keessaas kuntaalli miiliyoonni 3 fi kumni 900 naannoleef raabsamuu ibsaniiru.
Dabalataanis sanyii filatamaan kuntaalli miiliyoonni 1fi kumni 600 walitti qabamuun kuntaalli kumni 400 qonnaan bultootaaf raabsamuu kaasaniiru.
Zaman Bayyanaatu gabaase.