Fana: At a Speed of Life!

Misooma Tuurizimii Naannoo Oromiyaa xiyyeeffannoo argate…

Finfinnee, Mudde 10, 2018 (FMC) – Mootummaan Naannoon Oromiyaa bakkeewwan hawwataa fi qabeenya dilbii tuurizimii naannichi qabu beeksisaafi misoomsaa jira jedhe Biiroon Aadaa fi Tuurizimii Oromiyaa.

Yaadama Mootummaa Ida’amuutiin xiyyeeffannoon damee Tuurizimii Oromiyaatiif kennameen damichi sadarkaa olaanaan guddachaa dhufeera.

Mootummaan waggoottan sadan darban xiyyeeffannoo damee Tuurizmiif kenneen bu’aan qabatamaan argamuu Hogganaa itti Aanaan Biiroo Aadaafi Tuurizimii fi Hogganaan Damee Tuurizimii obbo Salamoon Taammiruu Faanaa Diijitaaliif himaniiru.

Mootummaan naannichaa xiyyeeffannoo damichaaf kenneen isheetiivii haaraa misooma paarkiiwwanii fi Ikkoo tuurizimiif bocuun hojiirra oolchuun hojjetamaa jiraachuus obbo Salamoon ibsaniiru.
Qabeenya Dilbii tuurizimii naannichi qabu hojiin beekuu, qorachuu fi misoomsuu hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.

Waggoottan hojii bakkewwan hawwata tuurizimii naannoon oromiyaa qabu addaa baasuun hojjetameen bakkeewwan hawwata tuurizimii 600 adda baafamuu dubbataniiru.

Inisheetiivii misooma paarkiin waggoottan sadan darban paarkiwwan 24 godinaalee 14 keessatti adda baafamuus kaasaniiru.

Paarkiiwwna buleeyyii dabalatee Naannoon Oromiyaa Paarkileen 27 qaqqabuus eeraniiru.

Inisheetiivii ikkoo tuurizimiin hojii hojjetameen bakkeewwan 18 adda baafamuu himaniiru.

Bakkeewwan gahuumsa tuurizimii naannichaa ogummaa saayinsaawaan masakuun Oromiyaan iddoo gahuumsaa turiizimii filatamtuu akka taatuuf xiyyeeffannoon kennameefira jedhan.

Bu’uuraalee misoomaa bakkeewwan hawwata tuurizimiif guutuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa akka jiru himan.

Qooda fudhattootaa fi hawaasa hirmachiisuun hojiin bu’uuraalee misoomaa guutuu raawwatamaa jira jedhan.

Bakkeewwan hawwata tuurizimii 80 bu’uuraalee misooma akka argatan taasifamuu dubbatan obbo Salamoon.

Daawwannaa biyya keessaa babal’isurratti hojjetamaa jiraachuu eeruun, dhaloonni biyya,naannoo fi godina keessa jiraatan sirnaan akka beekaniif ta’uu himaniiru.

Tsahaay Gulummaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.