Misoomni jireenya namaa irratti jijjiirama hinfidne guutuu ta’uu hindanda’u – Kantiibaa Adaanech Abeebee
Finfinnee, Guraandhala 21, 2018(FMC)- Misoomni jireenya namaa irratti jijjiirama hinfidne guutuu ta’uu hindanda’u jedhan Kantiibaa Adaanech Abeebee.
Giddugalli misooma Ogmmaa fi haaromsa dubartoota egeree leenjitoota ogummaa adda addaan leenji’aa turan 909 eebbisiiseera.
Sirna eebba kanaa irratti kanriibaa Adaanech Abeebee akka dubbatanitti, misoomni jireenya namaa irratti jijjiirama hinfidne guutuu ta’uu hindanda’u.
Finfinnee jiraattotaaf miijattuu, haqni hawaasummaa kannitti mirkanaa’ee fi cabiinsawwan ishee barootaaf turan kan itti suphaman akka taatuuf tattaaffiin eegalame bu’aa buusaa jiraachuu ibsaniiru.
Kanaafis bu’aan giddu galichaa agarsiistuu tokko ta’uu eeranii, giddugalichi erga hundaa’ee asi obbolettota rakkoo dinagdee fi hawaasummaa adda addaa keessa galuun abdii kutataniif boqonnaa jireenyaa haaraa kan banu ta’uu hubachiisaniiru.
Giddu galichi hanga har’aatti lenjitoota kuma lamaa fi 400 ol eebbisiisuun gara hojiitti galchuun jireenya isaanii akka fooyyeffatan fi fakkeenya akka ta’an gargaaruu eeraniiru.
Kaayyoo guddaan giddugala kanaa dubartoota rakkoo hawaasummaaf saaxilamaniif ifa abdii ta’uu himanii, qaamolee hojicha tumsan galateeffataniiru.
Yeshaambal Mihirat’tu gabaase.
#Oromia #Ethiopia