Fana: At a Speed of Life!

Misoomni Kooridarii Baadiyyaa jiruufi jireenya qonnaan bultootaa fooyyessaa jira- Dooktar Fitsum Asaffaa

Finfinnee, Guraandhala 29, 2018 (FMC) – Misoomni Kooridarii Baadiyyaa jiruufi jireenya qonnaan bultootaa fooyyessaa jira jedhan Ministirri Ministeera Pilaaniifi Misoomaa Dooktar Fitsum Asaffaan.

Ministeerri Pilaaniifi Misoomaa dhaabbilee waamamtootaa waliin ta’uun Naannoo Sidaamaatti manneen jireenyaa Misooma Kooridarii Baadiyyaa shan ijaarsise guyyaa har’aa eebbisiiseera.

Saganticharratti Pirezidaantii naannichaa obbo Dastaa Leeddaamoo dabalatee hoggantoonni mootummaa olaanoon biroon argamaniiru.

Dooktar Fitsum Asaffaan wayita kana, dhaabbatichi hojiilee tola ooltummaa garaagaraa kutaalee biyyattii garaagaraa keessatti hojjechaa akka jiru dubbatan.

Manneen jireenyaa Misooma Kooridarii Baadiyyaa guyyaa har’aa eebbifamanis qaama hojii tola ooltummaa dhaabbatichi hojjetuu ta’uu ibsaniiru.

Manneen kunneen hojiilee Maaddii Guutuu, dhiyeessii humnaa fi bishaanii akkasumas bu’uuraalee misoomaa biroo kan guuttatan ta’uu eeraniiru.

Ministeerichi hojiilee akka kanaa cimsee kan itti fufu ta’uu mirkaneessanii, jiruufi jireenyi qonnaan bultootaa akka fooyya’uuf mootummaan xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Xilaahun Yilmaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.