Fana: At a Speed of Life!

Misoomni kooriidarii Magaalaa Bishooftuu sadarkaa jajjabeessaarra jira- Aadde Adaanech Abeebee

Finfinnee, Waxabajjii 5, 2017 (FMC) – Misoomni kooriidarii Magaalaa Bishooftuu sadarkaa jajjabeessaarra jira jedhan Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen.

Aadde Adaanech Abeebeen hoggantoota bulchiinsa Magaalaa Bishooftuu waliin ta’uun sadarkaa misoomni kooriidarii magaalichaa irra jiru daawwataniiru.

Misoomni kooriidarii Finfinneetti eegale gara magaalota birootti babal’achuun hawaasa fayyadamoo akka taasisuuf bu’uura ergama Ministira Muummee Dooktar Abiy Ahimadiin nutti kennameen sadarkaa misooma kooriidarii magaalaa Bishooftuu daawwanneerra jedhan Aadde Adaanech.

Milkaa’ina hojii misooma kooriidarii magaalaa Finfinneetti argame magaalaa Bishooftuuttis galmeessisuuf tumsaan ni hojjenna jechuu isaanii Daayrektarri Miidiyaa Hawaasummaa Pirees Seekreetariyatii Waajjira Kantiibaa Biruuksaw Yilmaan Faanaa Diijitaaliif ibsaniiru.

Hojiin kun sadarkaa kanarra akka gahuuf hojii bulchiinsi magaalaa Bishooftuu hojjete kan jajjabeeffamu ta’uu eeruun, hojiileen hafan yeroo gabaabaa keessatti xumuramuun tajaajilaaf akka banamaniif tumsaan kan hojjetan ta’uus kaasaniiru.

Hojiin misooma kooriidarii magaalaa Bishooftuu akka ariifatuuf tumsa jiraattonni magaalichaa taasisaniif aadde Adaanech Abeebeen galateeffachuu Biruuksaw Yilmaan dubbataniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.