Misoomni Kooriidarii sochii daldalaa saffisiisuu keessatti gahee guddaa qaba- Hayyoota
Finfinnee, Waxabajjii 29, 2017 (FMC) – Misoomni Kooriidarii magaalaa sochii daldalaafi guddina diinagdee saffisiisuu keessatti gahee guddaa qaba jedhan hayyoonni.
Yuuniivarsiitii Siiviil Sarvisii Itiyoophiyaatti barsiisaan Ikonoomiksii Dooktar Marshaa Zawdeen, guddina biyya tokkoo galmaan gahuufi saffisiisuu keessatti ijaarsi piroojektootaa murteessaa akka ta’e ibsan.
Hojiileen misooma kooridarii magaalota biyyattii keessatti hojjetamaa jiranis dargaggootaaf carraa hojii kan uumaniifi galii isaanii kan guddisanidha jedhan.
Daldaltoota sadarkaa xixiqaa hanga gurguddaatti meeshaalee galtee ijaarsaa dhiyeessaniif carraa gabaa akka uumanis ibsaniiru.
Yuuniivarsiitii Arsiitti barsiisaa Ikonoomiksii kan ta’an Dooktar Adam Kadir gamasaaniin, misoomni kooriidarii sochii daldalaaf haala kan mijeessu ta’uu kaasanii, gabaafi geejjibaa saffisiisuu keessatti gahee olaanaa qaba jedhan.
Hojiin misooma kooriidarii magaalota biyyattii garaagaraa keessatti hojjetamu magaalota jireenyaaf mijatoo ta’an waan uumuuf godaansa gara magaalota gurguddootti taasifamu kan hir’isu ta’uus eeran.
Gama biraan piroojektoonni kanneen akka Yaadannoo Injifannoo Adwaa, Paarkii Tokkummaa, Masaraa Biyyaalessaa Mootummaafi kanneen biroon magaalaa Finfinneetti hojjetaman tuuristoota hawwachuun galii guddisuufi sharafa alaa argamsiisuu keessatti shoora qabaachuu ibsan.
Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad tibbana Walga’ii Idilee 42ffaa Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa irratti ibsa kennaniin, bara kana Paarkii Tokkummaa, Paarkii Michummaa, Godambaa Saaynsiifi Masaraa Mootummaa Biyyaalessaa irraa galii Birrii biiliyoonni walakkaa ol argamuu ibsuun isaanii kan yaadatamudha.
Qoodni pirooketoonni kunneen invastimantii biyya keessaafi alaa harkisuu keessatti qabanis salphaa akka hin taane hayyoonni kunneen ibsaniiru.
Ayyaanaa Dheeressaan.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.