Fana: At a Speed of Life!

Misoomni koriidarii bifa magaalotaa jijjiiruurra darbee faayidaa dinagdee guddaa qaba – Adam Faaraah

Finfinnee, Onkoloolessa 15, 2018(FMC) – Hojiiwwan misooma koriidarii magaalaa Finfinnee barichawaliin kan deemanii fi sdarkaa isaanii kan eeggatanii dha jedhan sadarkaa ministira Muummee Itti aanaatti, Ittigaafatamaan Giddu gala Qindeessaa Ijaarsa Sirna Diimokiraasii Adam Faaraah.

Ministirri Muummeen Dooktar Abiy Ahimad miseensta koree hojiraawwachiistuu paartii Badhadhinaa waliin ta’uun hojii misooma koriidarii naannoo Saarbeet – Addabaabaayii Jarman – Gaarmentii fi Furii daawwataniiru.

Obbo Adam Faaraah daawwannaa kana ilaalchisee ibsa kennaniin, misoomni koriidarii kun kanneen magaalattiitti hanga ammaatti hojjetaman keessaa ballinaan isa guddaa dha jedhan.

Tookkoo tokkoo Hojiiwwan misooma koriidarii kanneen irraa barnoota fudhachuun hojiin fooyya’aan hojjetamaa jiraachuu eeranii, hojiiwwan misooma koriidarii magaalattiitti hojjeataman bifa Itiyoophiyaa kan jijjiiranii dha jedhan.

Hojiiwwan kunniin Itiyoophiyaa irra darbee Afrikaa fi addunyaaf barnoota kan kennan ta’uus ibsaniiru.

Yaada Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad maddisiisaniin hojiiwwan misooma koriidarii eegalaman hoggansi sadarkaa sadarkaan jiru fudhatee kutannoon hojiirra oolchuun bu’aa qabatamaan akka dhufuuf ga’ee taphachuu kaasan.

Ga’een uummanni gumaachaa jiruu fi hirmannaa fi deggersi kennaa jiru misoomni koriidarii bu’aa barbaadamu akka kennuuf ga’ee taphachuus dubbatan.

Misoomni koriidarii bifa magaalaa fi biyyaa jijjiiruu irra darbee faayidaan dinagdee keessatti qabu olaanaa ta’uus eerannii, lammiileen bakka hojii fi gurgurtaa akka argatanii fi qoodiinsi qabeenyaa haqa irratti hundaa’e akka uumamuuf gargaaruus himaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.