Misoomni koriidarii sochii daldalaa Magaalattii dadammaqseera-kantibaa Adaanech Abeebee
Finfinnee, Bitrotessa 1, 2018 (FMC)- Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee misoomni koriidarii Sochi daldalaa kan dadhabsiise utuu hin taane magaalattii caalmaatti hojii daldalaaf kan miijessee dha jedhan.
Aadde Adaanech fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin ergaa dabarsaniin akka jedhanitti, hojiin misooma koriidarii dukkaanawwan haaraa ijaaramaniin alatti kanneen duraan turan gara boodaatti hiiqanii deebifamanii ijaaramaniiru.
Misoomni koriidarii fi hojiin deebisanii misoomsuu sochiiwwan daldalaa xixiqqaa hin dadhabsisu kan jedhan aadde Adaanech,dhaabbileen daldalaa caalmaatti ammayyaa’uun, hojii fi Shammattootaaf hawwataa karaa ta’een akka ijaaraman gargaaruu ibsaniiru.
Dukkaanawwan kuma 2 fi 800 haaraan ijaaramuu fi kumni 2 fi 690 kan ta’an ammoo daandii irraa gara boodaatti hiiqfamuun bifa haaraan sadarkaan isaanii fooyya’ee ijaaramaniiru jedhan.
Ijaarsi % 55 abbootiima dhaabbilee daldalaan kan ijaaranan yoo ta’u, kan hafe mootummaan ijaaree warra misoomni bakka irraa kaaseef kan kenne ta’uus dubbataniiru.
Warreen lafa fudhachuuf eeyyamamoo ta’an waldaan gurmeessuun ijaaraa jiraachuus himan.
Akka fakkeenyaattis dhaabbileen daldalaa daandii Boolee Atilaasii hanga Biraasitti jiru irraa sababa misooma koriidariin kaafamanii turan ‘Dil Pilaazzaa’ keessatti hojii isaanii eegaluu ibsaniiru.
#Oromia #Ethiopia