Fana: At a Speed of Life!

Misoomni Niwukilaraa Itiyoophiyaa tajaajila naga qabeessaaf hojiirra oola- Komishinar Saandookaan Dabbabaa

Finfinnee, Sadaasa 29, 2018(FMC)- Sagantaan Misooma Teeknooloojii Niwukilaraa Itiyoophiyaa tajaajila naga qabeessaaf qofa hojiirra oola jedhan Komishinarri Komishinii Inarjii Niwukilaraa Itiyoophiyaa Saandookaan Dabbabaan.

Waltajjiin marii sagantaa misooma humna niwukilaraafi Komishinii Inarjii Niwukilaraa Itiyoophiyaa hojii eegalchiisuu gaggeeffamaa jira.

Komishinar Sandookaan Dabbabaa wayita kana misoomni teeknooloojii niwukilaraa Itiyoophiyaa nageenya humnaa mirkaneessuun ce’umsa diinagdeefi kaka’umsa misooma biyyaalessaa ijaarsa dandeettii dandamannaa waggoota dheeraa irratti hundaa’e ta’uu ibsaniiru.

Kutannoo mootummaan Itiyoophiyaa misooma humna niwukilaraa irratti qabus guddina diinagdee walitti fufiinsa qabu kan bu’uureffate ta’uu kaasaniiru.

Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Waltajjii humna atoomawaa idil-addunyaa Raashiyaatti gaggeeffamerratti Itiyoophiyaan misooma humna niwukilaraa naga qabeessaaf kutannoo qabaachuu ishee mirkaneessanii akka turan yaadachiisaniiru.

Haaluma Kanaan Itiyoophiyaan teeknooloojii niwukilaraa tajaajila naga qabeessaaf qofa fayyadamuuf kutannoo qabaachuu ibsuusaanii TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.