Moorookoon tapha xumuraa waancaa Afrikaaf dabarte
Finfinnee, Amajjii 6, 2018 (FMC) –Tapha walakkaa xumuraa Waancaa Afrikaa halkan kana taphatameen Moorookoon Naayijeeriyaa injifachuuf xumuraaf dabarte.
Sa’aatiin idilee galchii malee xumuramuun rukkuttaa adda bahiinsaan Moorookoo gachii 4 fi 2’n Naayijeeriyaa injifachuun waggoota 22 booda tapha xumuraaf darbuu mirkaneeffatte.
Moorookoo fi Seeneegaal biyyoota tapha xumuraa waancaa Afrikaa 35ffaaf gahan ta’aniiru.
Taphni xumuraa Dilbata dhufu kan taphatamu yoo ta’u, taphni sadarkaa Sambata duraa Ijiptii fi Naayijeeriyaa gidduutti taphatama.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.