Mootummaa uummataafi seera qabeessa bu’uuressuuf daandiin jiru filannoo qofa- Paartii Badhaadhinaa
Finfinnee, Guraandhala 16, 2018 (FMC) – Mootummaa uummataafi seera qabeessa bu’uuressuuf daandiin jiru filannoo qofa jedhe Paartiin Badhaadhinaa.
Walga’ii idileen Mana Maree Paartii Badhaadhinaa Guraandhala 12-14, 2018’tti Finfinneetti gaggeeffamaa ture milkaa’inaan xumurameera.
Manni Marichaa Filannoo Waliigalaa 7ffaa ajandaa ijoo godhachuun irratti mari’achuu paartichi ibseera.
Paartichi waadaawwaniifi milkaa’inoota Filannoo Waliigalaa 6ffaa irratti uummataaf gale akka seensaatti ilaaluun qophii Filannoo Waliigalaa 7ffaa gadi fageenyaan gamaaggamuus eereera.
Paartiin Badhaadhinaa jijjiirama biyyaalessaa irraa eegalee cabiinsa ijaarsa sirna diimokiraaasii irratti mul’achaa ture suphuuf uummataaf waadaa galee akka tures yaadachiiseera.
Ajandaan kun imala jechaa hanga gochaa, gochaa hanga shaakalaa kan hammatu yoo ta’u imala kana karoora amansiisaan eegaluuf hojiileen kutannoofi wareegamaan deeggaraman hojjetamaniiru jedhe.
Hojiilee sirna diimokiraasii ijaaran keessaa humnoonni siyaasaa ala ta’anii mormaa turan gara biyya isaaniitti deebi’uun qabsoo karaa nagaa akka gaggeessan taasisuu, hammattoowwan seeraa fooyyessuu, dhaabbilee diimokiraasii cimsuu, aadaa diimokiraasii guddisuu fi yaadama ida’amuun itti gaafatamummaa mootummaa karaa haqa qabeessaan qooduun qabatamaan aadaawwan siyaasaa haaraan uumamuu ibseera.
Paartichi aadaawwan haaraan kunneen akka jabaataniifi bu’uurri dhaabbattummaa isaanii akka cimuuf Filannoo Waliigalaa 7ffaa akka carraa gaariitti fayyadamuuf waggaa darbe irraa eegalee hojiilee qophiin duraa hojjechaa turuu yaadachiiseera.
Haaluma Kanaan filannichi, dimokiraatawaa, haqa qabeessa, hirmaachisaafi naga qabeessa ta’ee akka xumuramuuf akkasumas paartichi dorgomaa cimaa ta’ee hirmaachuun akka injifatuuf galmi qabamuu ibseera.
Galmoonni lameen gamaaggamamuufi akkaataa karoorfameen adeemaa jiraachuun isaanii mirkaneeffamuu Paartichi kaaseera.
Milkaa’inni kun hojii sadarkaa sadarkaan hojjetameen jechuunis hojii keessoo paartii, tumsa mootummaafi dhaabbileen, qindoomina paartilee siyaasaa morkattootaan, qooda qaamolee qooda fudhattootaan, hirmaannaa ho’aa uummataan argamuu gamaaggamameera jedhe.
Milkaa’inni hanga ammaa kan itti fufuufi duubatti akka hin deebineef qooda olaanaa bahachaa akka jiru kaaseera.
Kun haaluma Kanaan osoo jiruu gareewwan seenessa qeenxee qabataniifi filannichi faayidaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa malee faayidaa yeroo isaanii eegsisuuf iddoo akka hin qabne hubatan filannicha danquuf yaalii taasisuurraa duubatti akka hin jenne hubachiiseera.
Kunis danqaalee mudachuu malan keessaa tokko ta’uu akka malu dursee waan tilmaamameef hawwii gareewwan kanneenii fashaleessuuf hojii gahaan hojjetamaa jiraachuu paartichi ibseera.
Filannichi yeroo qabameefitti galma kaa’ameef milkeessuun akka xumuramuuf dagannaa malee kan hojjetu ta’uus eereera.
Adeemsi mootummaa uummataafi seera qabeessa ta’e bu’uuressuu filannoon ala sochiilee taasifaman kamiin iyyuu kan hin milkoofne ta’uu hubachiiseera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.