Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan Aadaa, duudhaa fi safuu Oromoo ganamaa bakkatti deebisuuf hojiilee guguddoo hojjechaa jira- BKO

Finfinnee, Onkololeessa 22, 2018 (FMC) – Inistitiyuutiin Qorannoofi Qo’annoo Oromoo Aadaa, duudhaa, Afaan, seenaa fi Aartii oromoo bakka isaaf malutti deebisuuf qorannoofi qo’annoon utubuu irratti xiyyeeffachuun hojjechaa jira.

Inistitiyuutichi hayyoota Yuunivarsiitota garaagaraa waliin ta’uun Aadaafi duudhaa Uummata Oromoo xiinxaluu, gabbisuu, ijaaruufi ceesisuu irratti fuulleffatee hojjechaa kan jiru yoo ta’u, guyyaa har’aas qorattootaa fi ogeessotaa leenjii kenne.

Itti aanaa Daayirektara Inistitiyuutii Qorannoofi Qo’annoo Oromoo Obbo Zinaabuu Asraat haasawa taasisaniin, sirnoota darban keessatti Aadaa, duudhaa, seenaa fi artiin Oromoo akkaataa umriifi guddina isaatiin akka dagaagneef dhiibban garaagaraa irra gahaa turuu yaadachiisuun, barii jijjiiramaa irraa eegalee xiyyeeffannoo Mootummaa kenneen bakkasaatti deebi’aa jiraachuu ibsaniiru.

Aadaa fi duudhaa Oromoo ganamaa gabbisuufis qorannoo saayinsawaa gaggeessuun seenaa oromoo dhokate mul’isuuf Inistituyuutiin Qorannoo fi qo’annoo Oromoo hundeeffamarraa eegalee irratti hojjechaa jiraachuu himaniiru.

Hoogganaa Itti aanaa Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaa Gargaaraa piroofeesaraa Daraaraa Katamaa gamasaanitiin, Mootummaan Aadaa, duudhaa fi safuu Oromoo ganamaa bakkatti deebisuuf hojiilee gurguddoo hojjechaa jira jedhan.

Kana caalmaatti dhugoomsuufis haaromsa aadaa gaggeeffamaa jiruun Aadaaf duudhaa Oromoo bakkatti deebisuu, diinagdee ceesisuu fi aartii Oromoo gabbisuu irratti xiyyeeffatamee hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Aadaafi duudhaa saba guddaa kana iddoo isaaf malutti deebisuufi seenaa jallate sirreessuuf qorannoo fi qo’annoon deeggaruun murteessaa ta’uu eeruu isaanii ragaan BKO ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.