Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan Bulchiinsa Fiisikaalaa cimsuuf hojiilee riifoormii saffisisuuf murannoo qaba – Obbo Ahimad Shiidee

Finfinnee, Onkololeessa 13, 2018 (FMC) – Mootummaan Bulchiinsa Fiisikaalaa cimsuuf dandeettii qabeenya biyya keessaa walitti qabuu cimsuu fi caasaa riifoormii saffisisuuf murannoo qaba jedhan Ministirri Ministeera Maallaqaa obbo Ahimad Shiideen.

Obbo Ahimad Shiideen Daayrektera olaantuu Dhaabbata Maallaqaa Addunyaa Kiristaaliinaa Joorjiyeevaa fi Dhaabbatichatti Hoggantoota Dippaartimantii Afrikaa waliin dhimmoota Riifoormichaa fi tumsa yeroo itti aanuu ilaalchisee mari’ataniiru.

Obbo Ahimad Shiideen IMF deeggarsa Itiyoophiyaaf taasisaa jiru galateeffachuun, Mootummaan Bulchiinsa Fiisikaalaa cimsuuf dandeettii qabeenya biyya keessaa walitti qabuu cimsuu fi hojiilee caasaa riifoormii saffisisuuf murannoo qabaachuu kaasaniiru.

Itiyoophiyaan tumsa IMF waliin qabduuf iddoo olaanaa kan laattu ta’uu eeruun,Riifoormiin Diinagdee Gooroo tasgabbeessuu, carraa hojii uumuu fi jireenya lammiilee fooyyessuurratti xiyyeeffate hojiirra oolaa jiraachuu ibsan.

IMF kaayyoolee kanneen milkeessuuf deeggarsa Teeknikaa fi Maallaqaa taasisu itti fufuu himan.

Daayrekterri olaantuun Dhaabbata Maallaqaa Addunyaa Kiristaaliinaa Joorjiyeevaan gama isaaniin, hojiilee riifoormii Itiyoophiyaan gaggeessaa jirtu dinqisiifachuun, hojichaaf beekamtii kennaniiru.

Jijjiirama Diinagdee fi tarkaanfii waaraa sirreeffama idaa Itiyoophiyaaf dhaabbilee tumsitootaa biroo waliin ta’uun deeggarsa barbaachisu gochuuf dhaabbanni isaanii murannoo qabaachuu mirkaneessaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.