Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan cabiinsa dinagdee furuu bira darbee biyya dhalootaaf miijattu uumuuf hojjetaa jira

Finfinnee, Amajiii 26, 2018 (FMC) – Mootummaan cabiinsa dinagdee furuu bira darbee biyya dhalootaaf miijattu uumuuf hojjetaa jira jedhan Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad

Dooktar Abiy gaaffilee miseensota Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa 6ffaa bara hojii 5ffaa irraa walgaa’iii idilee 10ffaa irratti ka’aniif deebii kennaniiru.

Dooktar Abiy deebii isaaniin gama damee dinagdeen guddna argameef dursa kennaniiru.

Dooktar Abiy ibsa isaaniin rifoormiin dinagdee biyyattiin hojiirra oolchite kaayyolee gurguddoo sadii irratti hundaa’ee hojiin hojjete bu’aa fiduu kaasaniiru.

Haaluma kanaan cabiinsa dinagdee maakiroo barootaaf biyyattii irra ture furuun isa jalqabaa ta’uu eeran.

Dinagdee qonnaan hogganamuun bu’aa barbaadamu fiduu dadhabe jijjiirun dinagdee dam-hedduu irratti hundaa’uun guddina qulqullina qabuu fi lammiileen hundi irraa fayyadaman galmeessisuunis kaayyoo isa kan biraa akka ta’e ibsan.

Ba’aa idaa barootaaf irra ture salphisuun ofiin of dandeessee guddina barbaadamu akka galmeessistu gochuunis kaayyoo rifoormichaati jedhan.

Hojiin gama kanaan hojjetame bu’aa fiduu kan dubbatan Dooktar Abiy, kunis Itiyoophiyaan bara 2025tti biyyoota Afrikaa guddina ariifataa galmeessisan shanan keessaa sadarkaa jalqabaa irra akka teessu gargaareeraa kaasan.

Guddina galmaa’e kanaan cabiinsa dinagdee furuu bira darbee, biyya dhaloota boruuf miijattu uumuuf hojjetamaa jiraachuus hubachiisaniiru.

Yoonaataan Biraanuutiin

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.