Mootummaan deeggarsa Birrii biiliyoona 400 fi biiliyoona 40 olii taasiseera- Dooktar Abiy Ahimad
Finfinnee, Onkololeessa 18, 2018 (FMC) –Ministirri Muummeen FDRI Dooktar Abiy Ahimad gaaffii fi yaada miseensota Mana Maree Bakka Bu’uuta ummataarraa ka’aniif deebii fi ibsa kennaa jiru.
Ibsa isaaniin Mootummaan bara kana deeggarsa Birrii biiliyoona 400 fi biiliyoona 40 olii taasisuu dubbatan.
Haaluma kanaan deeggarsa seeftineetiif Birrii biiliyoona 40 xaa’oof deeggarsa Birrii biiliyoona 84, boba’aaf deeggarsa Birrii biiliyoona 100 fi biiliyoona 40 akasumas Birrii biiliyoona 100 fi biiliyoona 60 daballii miindaaf taasisuu kaasaniiru.
Qaala’iinsa jireenyaa tasgabeessuuf hojiin maaddii qooduun hojjetame bu’aa argamsiiseera jedhan.
Dhiyeessiin nyaata barattootaas rakkoo hawaas diinagdee lammiilee furuu dubbataniiru.
Tsahaay Gulummaatiin
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.