Mootummaan dhaabbilee biyyaalessaa fi uummataa walaba fi loogii irraa bilisa ta’an ijaaraa jira – Pirezidaanti Taayyee Atsiqasillaasee
Finfinnee, Fulbaana 26, 2018(FMC) – Mootummaan dhaabbilee uummataa fi biyyaalessaa loogii irraa bilisa ta’anii fi jijjiirama sirnaan hindiigamne ijaaraa jira jedhan Pireezidaanti Taayyee Atsiqasilaaseen.
Pireezidaanti Taayyeen haasaawa manneen maree lamaaniif dhiyeessaniin akka ibsanitti, dhaabbileen ngeenyaa fi tasgabbii biyyaalessaa jijjiirama sirnaa kan ce’anii fi ittifufiinsa biyyaa kan mirkaneessan dhaabbilee jaboo akka ta’anif mootummaan kutannoon hojjeta.
Walitti bu’iinsawwan bakka adda addaatti mul’atanis humnaan osoo hin taane mariin sirreessuuf ni hojjetama jedhan.
Nageenya waaraa fiduun kan danda’amu karaa nagaa qofaan ta’uu mootummaan akka amanu dubbatan.
Kanaafis filannoowwan nagaa fi araaraa hordofuun nageenya biyyaa amnsiisaa gochuuf hojjechaa akka jiru ibsaniiru.
Mootumnmaan dhiibbaawwan humnaa balleessuuf humnaa fi dandeettii ammayyaa ta’e qabaatus dhaloota haaloo dhaalchisuurra obsaa fi tooftaan nageenya waaraa boruu mirkaneessuuf adeemsa nagaa hordofuu filate jedhan.
Amantaa kana irratti hundaa’uun Waliigaltee biyyaalessaa fiduun mootummaa fudhatamna biyyaalessaa qabu hundeessuuf hojjechaa akka jiru dubbatanii, uummannis milkaa’ina Maree biyyaalessaaf akka tumsan gaafataniiru.
Sirna Bulchiinsaa uummatatti dhiyaatee fi seeraaf bitamaa ta’e dhugoomsuufis hammattoowwan bulchiinsaa fooyyessuu fi qindoomina dhaabbilee qindeessuun bu’aa qabeeyyii akka ta’an hojjechaa akka jirus ibsaniiru.
Bulchiinsi gaariin dhagaa golee siyaasa ammayyaa ta’uu hubachuunis tajaajila uummataa ammayeessuuf tarsiimoo Diijiitaal Itiyoophiyaa bara 2025 bu’uureffachuun hojiin hojjetame bu’aa galmeessaa jiraachuu eeraniiru.
Tarsiimoo dijiitaalaa 2030nis bu’aa kana gara sadarkaa olaanaatti ceesisuuf ni hojjetama jedhan.
Dhaabbileen tajaajilaas giddugala uummataa akka ta’aniif kan hojjetamu ta’uu ibsaniru.
Sirni tajaajilaa deddeebii hir’isu akka mirkanaa’uuf sirni tajaajila giddugala tokkoo Masoob cimee itti fufa jedhan.
Sini haqaa lammiilee giddugaleessa godhate akka jiraatuufis dandeettiin dhaabbilee haqaa akka cimuuf hojjetaa jiraachuu kaasanii, seeronni yakkaa fi hariiroo hawaasaa fooyya’an teeknoolojiin akka deeggaramaniif hojiin eegalame cimee akka ittifufu dubbatan.
Sirni tajaajila manneen murtii teeknooloojiin deeggaruu cimee fi babal’atee akka itti fufuuf kaasaniiru.
Yoonataan Biraanuutiin
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.