Mootummaan gaaffii uummataa deebisuuf har’as akkuma kaleessaa kutannoon hojjeta- TKM
Finfinnee, Waxabajjii 22, 2017 (FMC)- Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa, mootummaan gaaffii uummataa deebisuuf har’as akkuma kaleessaa kutannoon hojjeta jedhe.
Uummanni naannoo Amaaraa waggoottan muraasa darbanitti sababa qaamolee faayidaa dhuunfaa barbaadan muraasaan gatii qaalii kaffaluu hin malle kaffalaa jiraachuu tajaajilichi ibseera.
Walitti bu’iinsa humnoonni finxaaleyyiin ka’umsa seenaafi kaayyoo Faannoo hin hordofeefi Faannoo jechuun of waaman uumaniin nageenyiifi misoomni naannoo Amaaraa miidhamuu yaadachiiseera.
Waggoottan muraasa darbanitti gareewwan gurmaa’anii maqaa Kanaan of waamuun mootummaa biyyaalessaafi naannichaa diiguuf akkasumas ergama diinaa milkeessuuf socho’an biyyaafi uummata gatii kaffalchiisuus ibseera.
Uummanni naannoo Amaaraas ajandaa qaamolee walitti bu’iinsa uumaniifi ergamtootaa haalaan hubachuun mootummaan nageenya akka mirkaneessuuf karaalee garaagaraa irra deddeebiin gaafachaa turuu eereera.
Uummanni naannichaa naannicha walitti bu’iinsaafi alseerummaa keessaa baasuuf marii gaggeessuu, gaaffileen uummata naannichaa ajandaa Komishinii Marii Biyyaalessaa keessatti akka qabaman taasisuu, dargaggeessa dogoggoree garee Faannoo jedhuun of waamutti makame gara jireenya nagaatti akka deebi’uuf jaarsolii biyyaafi abbootii amantaa gaafachuu yaadachiiseera.
Kana malees qaamoleen nageenyaa federaalaafi caasaan nageenyaa naannichaa nageenya naannichaa mirkaneessuuf tattaaffii olaanaa gochuu, wareegama kaffaluufi ammas kaffalaa jiraachuu tajaajilichi ibseera.
Haaluma Kanaan naannichatti bakkeewwan hedduutti nageenyi mirkanaa’uu eeruun, uummanni naannichaa hojiilee misoomaarraa duubatti akka hin hafneef hojiileen misoomaa hedduun hojjetamuu kaaseera.
Haa ta’u malee tattaaffii qaamolee nageenyaafi jaarsolii biyyaan nageenyi fooyya’aan uumamus hanga uummanni barbaadu nageenyi naannichaa guutummaatti akka hin mirkanoofne, sochiin lammiilee guutummaatti yaaddoo uggurraafi saamichaarraa kan hin furamne ta’uu ibseera.
Barattoonni egeree biyyaa guutummaatti gara barnootaatti hin deebine, sochiileen misoomaa akkaataa uummanniifi mootummaan barbaaduun akka si’ataniif haalli mijataan hin uumamne; sababa kanaa uummanni magaalota naannichaa garaagaraa keessatti hiriira nagaa bahuun aariisaa ibsateera jedhe.
Hiriira nagaa kanarratti mootummaan nageenya naannichaa mirkaneessuun misooma akka cimsu, gantoota biyya keessaafi humnoonni alaa akka adabatan akka godhu, ijoolleen isaa gara barnootaatti akka deebi’an, ooyiruu isaa akka qotatu, nagaan bahee galuuf haalli mijataan akka uumamuufiif uummanni gaafachuu akkasumas nageenya isaa mootummaa waliin tikfachuuf qophaa’uufi mootummaan tattaaffii nageenya kabachiisuu eegale kan deeggaru ta’uu hiriira Kanaan uummanni ibseera jedhe.
Mootummaan waggoottan darbanitti walitti bu’iinsa dhabamsiisuuf filmaatawwan hedduu hordofaa akka ture yaadachiisuun, qaamoleen gaaffii qaban ofitti dhiyeessuun waliin mari’achuuf tattaaffii hedduu taasisuufi qaamoleen dogoggoraan humnoota badiitti makamanii turan harka kennuun lubbuu isaanii oolfachuufi leenjii haaromsaa fudhachuus yaadachiiseera.
Haa ta’u malee ammas qaamoleen muraasni faayidaa dhuunfaa isaaniif jecha nageenya uummataa booressaa ergama diinotaa milkeessuuf dhidhiittatan akka jiran hubachiiseera.
Mootummaan gaaffii nageenyaa, misoomaafi bulchiinsa gaarii uummataa deebisuuf har’as akkuma kaleessaa qophii ta’uufi dirqama isaas ta’uu ibseera.
Gaaffilee uummata naannoo Amaaraa deebisuuf mootummaan uummata naannichaa, bulchiinsaafi qaamolee nageenyaa naannichaa waliin ta’uun tattaaffii olaanaa kan taasisu ta’uu eereera.
Kutannoo uummanni naannichaa mootummaa waliin ta’uun nageenya isaa tikfachuuf agarsiises kan dinqisiifatu ta’uufi har’as balballi nagaa banaa ta’uu, gaaffii nageenyaafi misoomaa uummataa deebisuuf yeroo kamiyyuu caalaa qophii ta’uu mirkaneesseera.
Qaamolee filmaata nagaa hin fudhannerratti caasaalee nageenyaa naannichaafi federaalaan tarkaanfii fudhachuun nageenya uummataa mirkaneessuuf kan hojjetu ta’uus eereera.
Mootummaan gaaffilee uummanni dirreetti bahuun akka deebi’uuf gaafate uummata waliin ta’uun deebisuuf tattaaffii cimaa akka taasisuu hubachiiseera.
Uummanni karaa ammayyaa’een yaada isaa waan ibsateefis galata dhiyeesseera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.