Mootummaan gaaffiilee ummataa deebii sirrii ta’e ni kenna- Kantiibaa Adaanech Abeebee
Finfinnee, Sadaasa 27, 2018 (FMC) – Jiraattota Magaalaa Finfinnee kutaalee magaalaa hundarraa walitti babba’an waliin dhimmoota gara garaa irratti mariin gaggeeffameera.
Bakka bu’oonni kutaalee hawaasaa adda addaa, abbootii amantii, maanguddoota, dargaggootaa fi dubartoota, hawaasni daldalaa, invastaroota, fi hayyootni maricharratti argamaniiru.
Gaaffilee, komii fi yaada jiraattonni waltajjiiwwan ummataa adda addaa irratti kana dura kaasaa turaniif deebii qabatamaa, akkasumas hojiiwwan hafan irratti marii bal’aan taasifneerra jedhan Kantibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen.
Hoggantoonni olaanoon magaalaa fi ministirootni waltajjiiwwan hoogganuudhaan, gaaffilee ummanni kaasan irratti ibsa kennaniiru, akkasumas hojii manaa fudhataniiru jedhan.
Baroota jijjiiramaatti hojiilee misoomaa Finfinneetiin milkiiwwan gurguddaan kan galmaa’an mootummaa fi uummatni tokko ta’anii qindoominaan waan hojjetaniif ta’uus kaasan.
Ammas tumsa uummataafi mootummaatiin gaaffilee ummatarraa ka’aniif deebii sirrii kennuuf karoora waloo fuulduraarratti uummata irraa galtee guddaan argamuu eeran.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.