Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan gaaffilee ummata irraa dhiyaatan deebisuuf Kutannoon hojjeta – Aadde Caaltuu Saanii

Finfinnee, Mudde 4, 2018(FMC) – Gaaffileen uummata irraa dhiyaatan deebii sirrii akka argataniif mootummaan kutannoon hojjetaa jira jedhan Ministirri Magaalaa fi Bu’uuraalee Misoomaa Caaltuu Saanii

Ministirri Misooma Magaalaa fi Bu’uuraalee Misoomaa Caaltuu Saanii fi Ministirri Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Innaataalam Mallasaa magaalaa Hosaa’inaatti uummata mariisisaniiru.

Maree kana irratti Ministirri Magaalaa fi Bu’uuraalee Misoomaa Caaltuu Saanii akka dubbatanitti, yeroo dhihoo asi jijjiiramni naannichatti galmaa’aa jiru uummataa fi mootummaan naannichaa waliigalanii hojjechaa jiraachuu isaaniif agarsiistuu tokkoo dha.

kana malees gaaffilee uummataa ka’aniif deebii sirrii kennuuf mootummaan kutannoon akka hojjatu mirkaneessaniiru.

Ministirri Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Innaataalam Mallasaa gama isaaniin, hawaasni tumsa duraan ture cimsee rakkoolee mudataniif waliin hojjechuun qaama furmaataa ta’uu akka qabus hubachiisaniiru.

Gaaffileen  mareewwan kanaan dura uummata waliin geggeeffaman irratti ka’an furmaata argachaa jiraachuunis ibsameera.

Qaamoleen hawaasaa waltajjicha irratti hirmaatan horiiwwan misoomaa hundagaleessi mootummaan hojjechaa jiru fayyadamummaa hawaasa naannichaa akka mirkaneesse dubbataniiru.

Yeroo itti aanuttis bishaan dhugaatii fi ibsaa, ijaarsa daandii, buufataalee Xiyyaaraa dabalatee ijaarsa bu’uuraalee misoomaa, carraa hoji dargaggootaa, gabeenya naannichaa adda baasuun misoomsuu fi dameelee biroo irratti fayyeeffannaan hojjetamuu akka qabus kaa’eera.

Qiddist Abaataatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.