Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan imaammata, sagantaafi tarsiimoo sirrii biyya badhaate ijaaruuf qabu mul’ise –BKO

Finfinnee, Bitootessa 25, 2018 (FMC) –Mootummaan imaammata, sagantaafi tarsiimoo sirrii biyya badhaate ijaaruuf qabu mul’iserra jedhe Biiroon Kominikeeshinii Oromiyaa.

Agarsiifni waadaa gochaan filannoo hanga filannootti jedhuu qopheessummaa Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa qophaa’e xumurameera.

Sagantaa cuufinsarratti haasawa kan taasisan Hogganaa Ittaanaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa Obbo Isheetuu Sirneessaan ,imala badhaadhinaa filannoo hanga filannootti taasifameen qormaatota rogdaneessa keessaafi alaa biyyaarratti aggaamame waloon qolachuun cichoominaan hojjennee waadaas gochaan dhugoomsineerra jedhan.

Agarsiisni guyyoota sadiif ture kun hojiilee Biirooleen Oromiyaa waggoottan shanan darban hojjetan dhiyaataniiru.

Tsahaay Gulummaatiin

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.