Mootummaan Itiyoophiyaa badhaateefi birmadummaan ishee eegame ijaaruuf itti gaafatamummaa isaa ni bahata – TKM
Finfinnee, Bitootessa 21, 2018 (FMC) – Mootummaan imala diimokiraasiifi badhaadhinaa itti fufsiisuun itti gaafatamummaa seena qabeessa Itiyoophiyaa dhalootaaf mijattuu, badhaateefi birmadummaan ishee eegame ijaaruu bahachuu itti fufa jedhe Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa.
Mootummaan FDRI waggoottan jijjiiramaa darban biyyattii jeequmsa siyaasaa hundee gadi faggeeffate keessaa baasuun gara sirna diimokiraasii guutuu ta’eetti ceesisuuf galmoota qabate milkaa’inaan gara hojiitti hiikuu ibseera.
Milkaa’ina ce’umsa kanaaf bu’uurri seenessa siyaasaa” Gidduu fi Fiixee” cabsuun fayyadamummaa haqa qabeessa lammii hundaa kan mirkaneessu Tokkummaa Sabdaneessaa ijaaruu isaati jedhe.
Jijjiiramni kun injifannoo guddaa Itiyoophiyaan kan muraasaa osoo hin taane mana waloo hunda keenyaa ta’uushee qabatamaatti mirkaneessedha jechuun ibseera.
Injifannoowwan seenessa waloo irratti galmaa’an milkaa’ina siyaasaa mootummaa jijjiiramaa ta’uu kaasuun, seenessoonni qeenxeen baroottaniif biyyattii haaloo keessatti kuffisanii turan akka dadhaban gochuun seenessi waloon akka guddatu taasifamuu eereera.
Haaluma Kanaan ibsituuwwan seenaafi biyyaa kanneen ta’an Yaadannoon Injifannoo Adwaa, Hidhi Guddichi Haaromsaa Itiyoophiyaafi Iddoowwan gahumsa tuurizimii gurguddoon ‘Maaddiin Shaggariif, Maaddiin Biyyaaf, fi Maaddiin Dhalootaaf’ jedhuun ijaaraman biyyi waloon kan itti boontu ta’uu ibseera.
Hojiin ijaarsaafi gurmaa’iinsa dhaabbilee ijaarsa biyyaaf utubaa ta’anii kutannoo addaan hojjetamuus hubachiiseera.
Jijjiiramni bu’uuraa kun tasgabbii keessoo fi waliigaltee biyyaalessaa irratti kan hundaa’e waan ta’eef Itiyoophiyaan yaaddoowwan birmadummaa isheerra turan cichoominaan akka bahattu dandeessisuu kaaseera.
Injifannoowwan siyaasaa kunneen nageenyi keessoo fooyya’uun, dirreen siyaasaa bal’achuun fi dhaabbileen cimuun bu’aalee kallattii waan ta’aniif imala badhaadhinaa biyya keenyaaf bu’uura kaa’aa jiru jedhe Tajaajilichi.
Mootummaan imala diimokiraasiifi badhaadhinaa itti fufsiisuun itti gaafatamummaa seena qabeessa Itiyoophiyaa dhalootaaf mijattuu, badhaateefi birmadummaan ishee eegame ijaaruu bahachuu akka itti fufu hubachiiseera.
#Oromia #Ethiopia