Mootummaan murtoowwan rakkoo dhiyeessii boba’aa mudate dandamachuuf dandeessisan ifoomse
Finfinnee, Bitootessa 22, 2018(FMC) – Mootummaan Waranaa Giddugaleessa Bahaatti gaggeeffamaa jiru hordofee murtoowwan rakkoo dhiyeessii boba’aa mudate dandamachuuf dandeessisan ifoomseera jedhan Ministirri Ministeera Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Dooktar Kaasahuun Goofeen.
Waraana gaggeeffamaa jiru hordofee dhiibbaa gabaa boba’aa fi dhiyeessii mudachuu danda’u dandamachuuf kallattii mootummaan kaa’e ilaalchisee Dooktar Kaasahuun ENA’f ibsa kennaniiru.
Dhiyeessii fi raabsa boba’aa hordofuu, tarkaanfii fudhachuu, dameewwan dursi kennamuufi qabuu fi kutaan addaa damichaa hundeeffamuu eeraniiru.
Gatiin Boba’aa Naafxaa Barmeela tokkoo waraanichaan dura Doolaara 80 ture amma Doolaara 230, Beenzilli Doolaara 70 ture 150 qaqqabuu ibsan.
Itiyoophiyaan biyyoota bahaa Giddugaleessaa waliin waliigaltee gabaa boba’aa bara dheeraa qabaattus sababa waraanaan gufachuu fi biyyoonni kunneen dhiyeessuu akka hin dandeenye beeksisuu kaasan.
Sababa kanaan boba’aan adeemsa bittaarraa ture Meetirik Tooniin kumni 100 fi kumni 80 ol dhiyaachuu hin dandeenye jedhan.
Naafxaa Adiin guyyaan Leetirri miiliyoonni 9.2 dhiyaachaa ture amma gara liitira miiliyoona 4.5tti gadi bu’uu eeran.
Sababa kanaan mootummaan sosochiin hawaas diinagdee akka hin gufanne gatii boba’aa dachaa sadii oliin dabalee bituuf dirqamuu himan.
Gatiin boba’aa daran dabaluus mootummaan jireenya lammiilee baraaruuf Naafxaa Adii Liitira 1 irratti birrii 95, Beenzila liirira 1 irratti Birrii 42 deeggarsa taasisuun dhiyeessaa jiraachuu ibsan.
Hanga ammaatti Birrii biiliyoona 200 fi biiliyoona 62 deeggarsa taasiisuu eeran.
Baatii baatiin hanga Birrii biiliyoona 15 – 20 deeggarsa taasisaa jiraachuu dubbatan.
Haaluma kanaan:-
1.Konkolaattoota boba’aa Geejjibsiisaniif dursi akka kennamu,
2.Dhaabbilee Al ergii fi Oomishtoota olaanoon kallattiin,
3.Piroojektoota Mootummaa fi dhuunfaa xiyyeeffannoo addaa barbaadaniif kallattiin,
4.Konkolaattoota oomishaalee al ergii fi galii, akkasuma meeshaalee bu’uuraa geejjibsiisaniif dursi akka kennamu,
5.Tiraakteroota qonnaaf,
6. Konkolaattoota geejjiba heddumataa fi biyyaaleessaaf,
7.Akkasuma Konkolaattoota deddeebisa ummataa Naafxaan hojjetaniif dursii akka kennamu murtoon darbuu himan.