Mootummaan naannichaa qabeenya bishaanii sirnaan hogganuun jireenya uummataa jijjiiruuf hojjechaa jira
Finfinnee, Hagayya 26, 2017 (FMC) – Mootummaan Naannoo Oromiyaa barii jijjiiramaarraa eegaluun qabeenya bishaanii sirnaan hogganuuf hojjechaa jira jedhe Waajjirri Pireezidaantii naannichaa.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa barii jijjiiramaarraa eegaluun, dhimmoota xiyyeeffannoon irratti hojjachaa jiru keessaa tokko qabeenya bishaanii naannichi qabu sirnaan hogganuudha.
Bishaan hogganuun ce’umsa hawas-dinagdee naannichaa saffisiisuufi rakkinoota sababa hongeetiin hawaasa mudachaa turaniif furmaata waaraa kaa’uudha.
Naannoon Oromiyaa qabeenya bishaan roobaa, bishaan lafarraa kanneen akka burqaa, laggeen, haroofi galaana akkasumas bishaan lafa jalaatiin badhaatuudha.
Haata’u malee dilbii kanarraa haalli mijaawaan dhabamuudhaan hawaasni keenya fayyadamaa hintaane.
kanaanis, ummanni keenya balaa sababa hongeetiin mudatu damdamachuu dadhabuudhaan, gaaga’ama qabeenyaatiifi rakkoo garagaraatiif saaxilamaa tureera. Kunis sababa imaammanniifi tarsiimoo sirriin, qabeenyi bishaanii ittiin hogganamufi haalonni dandeessisoon dhabamuun dhufaniidha.
Haala ture kana jijjiiruuf, mootummaan rakkoo hawaas-dinagdee godinaalee hongeen irra deddeebiin mudatuu qolachuufi furmaata waaraa kennuuf hojiiwwan hojjachaa ture keessaa pirojeektoonni Finnaa isaan ijoodha.
Pirojektoonni kunneen, qabeenya bishaanii naannichi qabu sirnaan bulchuun saaxilamummaa irra deddeebiin mudatuufi qabeenya horsiisee bulaafi qonnaan bulaa gaaga’aa ture maqsuu irratti kan xiyyeeffatedha.
Dabalataanis, Pirojeektoonni kunneen seenaa gammoojjiiwwan Oromiyaa geeddaruudhaan, godinaaleen gammoojjii hongeerraa bayyanachuu bira darbanii, jiddugala omishaa akka ta’an kan gargaarudha.
Haaluma kanaan, mootummaan bakkoora hongeef saaxilamoo ta’an 10 adda baasuun pirojektoonni Finnaa 73 saffisaafi qulqullinaan hojjetaman kallattii mootummaan kenneen, hanga xumura bara 2017’tti pirojektoonni 33 xumuramuun tajaajilaaf ooluu ragaan Waajjira Pireezidaantii mootummaa naannoo Oromiyaarraa argame ni mul’isa.
Piroojektoonni kun, qabeenya bishaanii naannichi qabu sirnaan kuusuun, tajaajila jallisii, dhugaatii looniifi ittifayyadama namaaf kan oolanidha. Kunis, qonnaan bultoonniifi horsiisee bultoonni balaa hanqina roobaan dhufu akka damdamatan, nyaataan of danda’aniifi jiruuf jireenyi isaanii fooyya’u akka danda’u gochuu keessatti shoora ol’aanaa qabaata.
Mootummaan, gara fulduraattis dilbii bishaanii naannichi qabu duguugee sirnaan fayyadamuun gama tokkoon rakkoo hongee irra deddeebiin mudatuuf furmaata waaraa gochuu, gama biraatiin ce’uumsa qonna naannichaaf bu’uura cimaa kaa’uuf caalmaatti kan hojjetu ta’a.
#Oromia#Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.