Mootummaan Naannoo Oromiyaa dhimmoota tarsiima’aa irratti xiyyeeffachuun diinagdee naannichaa bayyanachiise – obbo Hayiluu Addunyaa
Finfinnee, Adoolessa 18, 2017 (FMC) – Mootummaan Naannoo Oromiyaa dhimmoota tarsiima’aa irratti xiyyeeffachuun diinagdee naannichaa bayyanachiise jedhan Hogganaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa obbo Hayiluu Addunyaan.
Obbo Hayiluu Addunyaankaroora xiiqii bara 2018 ilaalchisuun miidiyaaleef ibsa kennaniiru.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa imala badhaadhinaa eegalame milkeessuuf karoora xiiqii qopheessuun xiyyeeffannoo olaanaan hojjechaa jira jedhan obbo Hayiluu Addunyaan.
Bara 2018tti Galmoota qonnaa gurguddoo wabii nyaataa mirkaneessuu, al ergee guddisuu, oomisha alaa galu kan biyya keessaa bakka buusuufi carraa hojii bal’inaan uumuu qabaman milkeessuuf xiyyeeffannaa olaanaan kennamee kan hojjetamu ta’uu eeran.
Qonna Arfaasaa 2017/2018 lafa hektaara miiliyoona 1.7 misoomsuun Callaa kuntaala miiliyoona 41 argachuuf karoorfamuu kaasuun, Qonna Gannaa 2017/2018 lafa hektara miiliyoona 11.8 misoomsuun callaa kuntaalli Mil 368 kan eegamu ta’uu eeraniiru.
Misooma Qamadii Bonaa bara 2018 lafa Hektaara miiliyoona 4 ol misoomsuun callaa kuntaalli miiliyaan 100 fi miiliyoona 63 fi kuma 600 kan eegamu ta’uu himan.
Qonna Naannichaa hirkattummaa roobaa jalaa baasuuf Pirojeektoota Finnaa hojiirra oolchuun damdamannaa misooma gammoojjii Oromiyaa ijaaraa jiraachuu dubbatan.
Bara bajataa 2018 keessatti Pirojektoota jallisii buleeyyii 237 ijaaramaa jiran keessaa Pirojeektota Finnaa 15 dabalatee pirojektoota 163 xumuruuf karoorfamuu himan.
Pirojektoota bishaan dhugaatii qulqulluu kuma 2 fi 826 ijaaramaa jiran keessaa pirojektoota kuma 2 fi 602 xumuruun ummatni miiliyoona1.6 fayyadamaa taasisuuf kan hojjetamu ta’uu eeran.
Hojii barbaaddoota mil 2.7 oliif hojii uumuun, liqii Birrii biiliyoona15.9 kennuuf kan karoorfame yoo ta’u, bakka omishaafi gurgurtaa lafa hektaara kuma 98 dhiyeessuu sheedii kuma 6 fi 818 dabarsuu xiyyeeffannaa olaanaan kan hojjetamu ta’uu himameera.
Pirojektoota Investimentii kuma 10 fi500 kaappitaala Birrii biiliyoona 200 argamsiisan ni simatamu jedhan.
Kanaanis Carraan hojii namoota miiliyoona tokkoof kan uumamu ta’uu eeraniiru.
Manneen barnoota Bu’uura Boruu kuma 2 fi 853, mana jireenya barsiisotaa kuma 30 fi 444 manneen barnoota Sadarkaa1ffaa 170, manneen barnootaa Sadarkaa2ffaa 22 humna waloofi baajaata mootummaan kan ijaaramman ta’a jedhan.
Dhaqqabamummaa tajaajila fayyaa fooyyeessuuf baroota darbanitti hojiiwwan eegalaman cimsuun kan hojjetamu ta’uus ibsameera.Bu’uruma kanaan Miseensa inshuraansii fayyaa hawaasaa mil 31.5tti olguddisuuf ni hojjetama.Akkasumas du’aatii haadholeefi daa’immaanii xiqqeessuufi ittisaafi to’annoo dhukkuboota irratti xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta’uu ibsameera.
Galii birrii biiliyoona 200 fi biiliyoona 83 ol walitti qabuuf karoorfamuu kaasan.
Dassaalenyi Abarraa fi BKOtu gabaase.