Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan Naannoo Oromiyaa  fayyadamummaa hawaasa  dhugoomsuuf hojjechaa jira

Finfinnee,Waxabajjii 26, 2017 (FMC)- Mootummaan Naannoo Oromiyaa  fayyadamummaa hawaasa  dhugoomsuuf hojjechaa jira.

Pirezdaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa daawwannaa hojiilee misoomaa taasisaa jiraniin, Godina Gujii Lixaa Aanaa Dugda Daawwaatti Pirojeektii Bishaan dhugaatii qulqulluu hojjetamaa jiru daawwataniiru.

Piroojeektiin Aanichatti hojjetamaa jiru kun xumura irra ga’aa kan jiru yoo ta’u, uummata kuma 35 oliif tajaajila kan kennu ta’uun ibsameera.

Dabalataanis Aanaa Bulee Horaatti haala kenninsa tajaajilaafi Gurmaa’insa Caasaa Gandaa Haaraa Ganda Quyyaafi Mana Murtii Aadaa daawwachuu ragaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaarraa  argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.