Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan Naannoo Oromiyaa galmoota gama hawaasummaan qabate keessaa tokko dhaloota saanyinsii fi teknooloojiin dorgomaa ta’e uumudha- WPMNO

Finfinnee, Onkololeessa 13, 2018 (FMC) – Mootummaan Naannoo Oromiyaa galmoota gama hawaasummaan qabate keessaa tokko dhaloota saanyinsii fi teknooloojiin dorgomaa ta’e uumudha jedhe Waajjirri Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa.

Kana milkeessuuf, cabiinsa sirna barnootarraa waggoota dheeraaf turan sirreessuuf hojiilee jajjaboo hojjechaa jira.

Hojiiwwan hojjetaman kunneen, gama tokkoon cabiinsa gama carraa barnoota dhabuun turan, waliingahiinsa manneen barnootaa babaldhisuun furuu fi rakkoo gama qulqullina barnootaan tureef fala waaraa argamsiisuudha.

Haaluma kanaan, qulqullinni barnootaa mirkanaa’uu kan danda’u bu’uura irraa yoo hojjetame ta’uu dursee hubachuun, bara 2013 irraa eegalee Sagantaa Tajaajila Lammuummaa labsuun hirmaannaa ummataatiin guutuu Oromiyaatti Manneen Barnootaa Bu’uura Boruu kuma 18’ fi124 ijaaruun hojiin baruu fi barsiisuu keessatti gaggeeffamaa jira.

Manneen Barnootaa Bu’uura Boruu kunneen walgahiinsi barnootaa akka mirkanaa’u gochuun, qulqullina barnootaa mirkaneessuu keessatti gahee olaanaa qabu.

Kanamalees, daa’imman gara mana barnootaa sadarkaa tokkoffaatti galan dandeetti dubbisuufi qoyyabuu akka goonfatan gochuun dhaloota gahumsa gaarii qabu horachuuf kan gargaarudha.

Dabalataanis, hojiin meeshaalee barnootaa guutuu, manneen barnootaa keessatti haala mijataa umuufi leenjiin gabbisa ogummaa akkasumas haala baruufi barsiisuu daa’immanii irratti xiyyeeffatu barsiisootaaf kennamuun hojiin bal’aan hojjetameera.

Mootummaan Jijjiiramaa barnoota irratti hojjachuun ce’uumsa hawaas-dinagdee ummataa dhugoomsuuf, rakkoo walxaxaa sirna barnootaarra turan furaa, waliingahinsaafi qulqullina barnootaa mirkaneessuun, dhaloota dorgomaa uumuuf hojjetaa jira.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.