Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan naannoo Oromiyaa tajaajila ummataa fooyyessuuf hojiilee bal’aa hojjetaa jira – – Obbo Awwaluu Abdii

Finfinnee, Guraandhala 7, 2018 (FMC) – Itti quufiinsa ummataa guddisuuf hanqina kenniinsa tajaajilaa furuuf tajaajiloota faca’anii turan hedduu bakka tokkotti fiduun danda’ameera jedhan Pireezidaantii itti aanaan Mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Awwaluu Abdiin.

Obbo Awwaluu Abdiin yaadaa fi Gaaffii miseensonni Caffee dhiyeessaniif ibsaa fi deebii kennaniiru.

Mootummaan naannoo Oromiyaa tajaajila ummataa fooyyessuuf hojiilee bal’aa hojjetaa jira jedhan.

Hojjettoota mootummaa rakkoo namuusaa qaban kuma 10 olirratti tarkaanfiin fudhatameera jedhan.

Hanqina kenniinsa tajaajilaa waaraan furuuf waliin gahiinsa kenniinsa Tajaajila Iddoo Tokkoo Masoob irratti xiyyeeffannoo addaan hojjetamaa jiraachuu eeran.

Qulqullina barnootaa mirkaneessuurratti hojii bal’aan hojjetamaa jiraachuu kaasan.

Barsiisoonni kumni 66 ol leenjii adeemsa baruu fi barsiisuu fudhataniiru.

Hanqina dhiyeessii kitaabilee furuuf kitaabileen miiliyoonni 34 maxxanfamuu kaasuun, ammas kitaabileen miiliyoonni 39 ol kan barbaachisu ta’uu dubbatan.

Barattoonni miiliyoona 7 tti hiiqan hirmaannaa hawaasaan manneen barnootaa keessatti midhaan nyaataa argachaa jiru jedhan.

Hanqina dhiyeessii qulqullina nyaata barattootaa jiran hundeerraa furuuf mootummaa fi ummanni qindoominaan hojjechaa akka jiran eeran.

Siifan Magarsaatiin

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.