Mootummaan nageenya waaressaa, misooma fayyadamummaa uummataa mirkaneessan baay’inaafi qulqullinaan hojjechaa jira- Obbo Awwaluu Abdii
Finfinnee, Hagayya 29, 2017(FMC) – Pireezidaantii itti aanaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Awwaluu Abdiin mootummaan nageenya waaressaa, misooma ariifataa fayyadamummaa uummataa mirkaneessan baay’inaafi qulqullinaan hojjechuun tajaajilaaf banaa taasisaa jira jedhan.
Bulchiinsa Magaalaa Sandaafaa Bakkeetti pirojektoonni baajata mootummaa fi hirmaannaa uummataan hojjataman xumuramuun eebbifamanii tajaajilaaf banaa ta’aniiru.
Obbo Awwaluu Abdii wayita kana akka jedhanitti, pirojektoonni kunneen imala jijjiiramaa magaalattiin eegalte kan tumsanidha.
Mootummaan jijjiiramaa giddugaleessaa biyyaa magaalaa Finfinnee dabalatee naannoolee biyyattii hunda keessatti pirojektoota gurguddoo maqaa biyyaa ijaaran hedduu hojjechuun tajaajilaaf dhaqqabsiisaa akka jiru himaniiru.
Pirojektoonni eebbifamanis Gamoo Giddugala Daldalaa Sandaafaa Bakkee, Mana Barnootaa Bu’uura Boruu, kilaasteroota inisheetiivii furdisa horii, horsiisa lukkuu fi kanneen biroo ta’uu ragaan kominikeeshinii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.
Kana malees Gamoo Bulchiinsa Magaalichaafi Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Magaalaa Sandaafaa Bakkee ijaarsarra jiran daawwachuun ijaarsa mana barumsa bu’uura Boruu Faalleef dhagaa bu’uuraa kaa’aniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.