Mootummaan Nageenyi qe’ee Oromootti akka waara’uuf waan barbaachisu hunda raawwachuuf qophiidha – Pireezidaanti Shimallis Abdiisaa
Finfinnee, Bitootessa 20, 2018 (FMC)- Mootummaan Naannoo Oromiyaa nageenyi qe’ee Oromootti akka waara’uuf waan barbaachisu hunda raawwachuuf qophiidha jedhan Pireezidaantiin Naannichaa Obbo Shimallis Abdiisaan.
Korri nageenyaa guddaan Qeerroo fi qarree guutuu Oromiyaa hirmaachise magaalaa Bishooftuutti geggeeffamaa ture goolabameera.
Korri kun ergaa ijoo “Wal-ajjeechaan Obboleewwanii haa Dhaabbatu; Nageenyi Waaraan Fulla’insaan haa Mirkanaa’u!” jedhuun geggeeffamaa kan ture fi akeeka guddaa sagalee qawwee calliseen wal-ajjeechaa Obboleewwanii dhaabuun boqonnaa nageenyaa fi tasgabbii haaraa guutuu Oromiyaatti mirkaneessuu kan qabu ta’uu hubachuun dandaa’ameera.
Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa kora kanarratti argamuun akka jedhanitti Gamtaan Qeerroo Dargaggoo Oromoo Sagaleen qawwee qe’ee Oromoo irraa callisee nagaan akka waara’uuf sochiin eegale kun seenaan kan yaadatu ta’uu kaasuun yeroo ammaa boqonnaan qabsoo Oromoo boqonnaa wal ajieessuu cufee qabsicha gara gulantaa itti aanutti ceesisuu qaba jedhan.
Boqonnaa qabsoo har’a irra geenyeen Sabboonummaa Oromoo diinagdee,barnootaa fi teekinoloojiin utubuun gulantaa haaraatti ceesisuuf qeerroo fi qarreen Oromoo hojjechuu qabu jedhan.
Dammaqiinsi dhalootni Generaal Taaddasaa Birruufaan barnoota irratti taasisan gulantaa qabsoon Oromoo har’a irra gaheef gumaacha guddaa godheera jedhan Pirezidaanti Shimallis.
Yeroo amma irra jirru kanattis Jaarmiyaan Oromoof nan qabsaa’a jedhu kamiyyuu Uummaticha barnootaan gahoomsuu,diinagdeen humneessuufi sirna cimaa ijaaruufirratti fuuleffachuu qaba jedhan.
Kun ammoo hawwiidhaan kan dhufu osoo hintaane siyaasa tokkummaa fi walhubannaan masakame keessatti tarsiimoo gahumsa qabuu fi gara milkaa’ina galmichaatti geessuu qabaachuun halkaniifi guyyaa hojjechuudhaan akka ta’es kaasan.
Galmi qabsoo keenya akka ariitii barbaadamuun milkaa’uuf ammoo sonaafi aadaa sirna Gadaa irraa dhaalleen obbolummaa cimsuun hariiroo Uummata Itoophiyaa waliin qabnu cimsuu qabna jechuunis dubbataniiru.
Itti dabaluunis Carraa Uummatni Oromoo yeroo ammaa qabu hooggansa yaadaa fi gahumsa hunda-galeessa qabu argachuu ta’uu ibsuun carraa argame kana qixaan fayyadamuuf ammoo tumsi nama hundaa murteessaa ta’uu kaasan.
Uummata Oromoo diinagdeedhaan akka gahoomuf ammoo dhaweessummaa cimsuu, aadaa hojii keenyaa jijjiiruu fi qusannoo jajjabeessuun murteessaa waan ta’eef qeerroo fi qarreen Oromoo dhaweessummaa cimsuun,ogummaa gabbifachuun humna diinagdee Oromoo ta’uu akka qabus dhaaman.
Keessattuu nageenya ilaalchisee yaada kennaniin waldhabdeen imala qabsoo Oromoo keessatti madaa mogolee ta’uu himuun kun akka dhaabbatuuf ammoo qeerroo fi qarreen Oromoo karaa kamiinu hirmaanna akka godhan dhaaman.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa nageenyi qe’ee Oromootti akka waara’uuf waan barbaachisu hunda raawwachuuf qophiidha jedhan.
Itti dabaluunis qaama daandii nagaa filatee kamiyyuu waliin dubbachuun nagaa fi tasgabbii qe’ee Oromootti fiduuf Mootummaan Naannoo Oromiyaa qophii ta’uu ibsaniiru.
Akeekni wal ajjeechaan obboleewwanii haa dhaabbatu;nagaan waaraan qe’ee Oromootti haa mirkanaa’u jechuun sosochiin qeerroo fi qarreen eegalame kun yaada eebbifamaa ta’uu fi humni faallaa kanaa dhaabbatu garuu qaama waldhabdee qe’ee Oromoorraa fayyadamu ta’uu hubachuun itti dammaquun barbaachisaa ta’uu himan.
Sosochiin Gamtaa Qeerroo Dargaggoota Oromootiin durfamu kun sababa siyaasaa qabatamaa hin taaneen wal-ajjeesuun akka dhaabbatuufi garaagarummaa siyaasaa marii fi marabbaadhaan hiikuun dantaa waloo Oromoo irratti waliin qabsaa’uun akka dandaa’amu amantaan fudhatee socho’uu erga eegalee bubbuleera.
Gamtaan Qeerroo Dargaggoota Oromoo humna dargaggootaa garaagarummaa kamiyyuu mariidhaan alatti afaan qawweetiin dhugoomsuun hin dandaa’amu jedhee amanuudha. Ergaa ijoon garee kanaa “ Dhukaasni Obboleewwan Gidduutti Deemaa Jiru haa Dhaabbatu/ silencing the gun among brothers!/ jedhu qabatee nageenya waaraaf sosochii taasisaa jira.
Guyyoottan lamaan darban qaama sosochii Qeerroo Dargaggoota Oromoo kan ta’e korri guddaan Qeeroo guutuu
Oromiyaa hirmaachise akkaataa qe’ee Oromoo irraa dhukaasni dhaabbatee nagaa fi tasgabbiin waaraa guutuu Oromiyaatti mirkanaa’uu danda’u irratti mari’ataa ture ibsa ejjennoo baafachuun goolabameera.
Wal-ajjeechaan obboleewwanii har’a Oromiyaa keessatti deemaa jiru kun dhaloota har’aa duwwaa osoo hin taane egeree Oromoo dabalatee ajjeesa waan ta’eef,dhaloota itti aanuuf qormaata biraa uumuu mannaa, yeroo dhumaatiif, rakkoon aadaa siyaasaa keessoo Oromoo irraa maddu cite nurraa hafuu qaba kan jedhu dubbii ijoo kora kana ture.
Kora nageenyaa kanaanis, callisa sagalee qawweetiin akkaataa qe’ee Oromootti nageenyi waaraan mirkanaa’u danda’u irratti mariin bal’aa erga taasifameen booda ibsa ejjennoo abbaa qabxii 7 baafachuun irratti waliigaluun xumuramee jirra.
Qabxii Ejjennoo kana keessattis Obboloota lammeen gidduutti sagaleen dhukaasaa callisee araarri akka bu’u, tokkummaa, jaalalaafi obbolummaan dhugaa akka dagaaguufi qe’een Oromoo qe’een Oromoo qe’ee misoomaafi badhaadhinaa akka ta’uuf gahee isaanirraa eegamu hundaa bahachuudhaaf waadaa akka seenan, aadaan qabsoo hidhannoo fi waraanaa filachuu bu’uuraan jijjiiramee mariifi marabbaadhaan hiikkatu sadarkaa hundatti akka uumamuu nageenya amansiisaa ta’e sadarkaa hundatti mirkanaa’uuf kutannoo ol’aanaadhaan akka hojjetan, balbala nagaa mootummaadhaan saaqame akka carraa guddaatti fayyadamuudhaan dargaggoonni Oromoo burjaaja’uun qabsoo hidhannoo filatanii bosona jiran gara nagaatti akka dhufaniifi dogoggora irraa gara qajeelummaatti tarkaanfatan Gamtaan Qeerroo fi Qarree Oromoo tumsaafi dirqama irraa eegamu hundaa bahachuudhaaf qophii ta’uu,diinota alaafi keessaan qindaahanii Oromiyaan nagaa amansiisaa akka hin arganne halkanii guyyaa dhama’an irratti tokkummaafi kutannoo ol’aanaadhaan qabsaa’uun abjuuf mul’ata diinota Oromoo fashaleessuuf kan hojjetan ibsanii jiru.
Dabalataanis,Imalli ijaarsa biyyaa kan dhugoomu hirmaannaafi qooda fudhannaa lammii hundaatiin fakkeenya badhaadhinaa taate ijaaruudhaaf kutannoo ol’aanaadhaan akka hojjetan,hojiilee fayyadamummaa dargaggootaafi uummataa mirkaneessuudhaaf mootummaadhaan eegalaman keessatti qooda fudhannaa isaanii guddisuudhaan rakkoon hoji-dhabdummaa akka hir’atuuf ergama dhalootaa of harkaa qaban qixa sirriin bahachuuf kutannoo ol’aanaadhaan akka hojjetan sagalee guutuun irratti waliigaluun dhumarratti uummatni bal’aa ergama nagaa qe’ee Oromootti mirkaneessuuf eegalame kana milkeessuuf gahee isaanii akka bahatan waamicha dabarsaniiru.
#Oromia #Ethiopia